US odeeffannoo hogganaa hidhataa Kolombiyaa nama argateef birrii miiliyoona 180 kennuuf

Ameerikaan nama odeeffannoo hogganaa riphee loltuu Waraana Bilisa Baasaa Kolombiyaa (ELN) to'achuuf gargaaruuf kenne birrii miiliyoona 180 nan kenna jette.

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Paampewoo garee riphee lolaa kana qoricha sammuu namaa hadoochu daddabarsuun himatu.Paampewoon Kolombiyaa daawwatanii guyyaa lama booda kana dubbatan.

ELN (Waaraana Bilisa Baasaa) garee hidhataa Maarksiistii yoo tahu waggoota 50 darbaniif dammaqinaan socho’aa ture.

Hogganaa garee kanaa Ameerikaan barbaaddu Wiilvar Viileejs Paaloomiinoo, nama ganna, 38 yoo tahu, garee hidhataa kana qarshiin deeggaruuf jecha qorichoota dhorkaman Kolombiyaa dhaa Ameerikaatti raabsaa tureera jedhamuun himatamaa jira.

Paampewoon,’’Ameerikaan garee yakkamaa naannoo sanaa balleessuuf mootummaa Kolombiyaa gargaaraaa turte,’’ jedhan.

Bara 2016 pireezidaantiin duraanii biyyattii Juwaan Maanu’eel Saantoos garee hidhataa kanaa waliin waliigaltee nagaa haa mallatteessaniyyuu malee yeroo pireezidaantiin haaraa Ivaan Duuk dhufan adeemsi kun boodatti harkifachuu jalqabe.

Gareen ELN akkaadaamii poolisii bara 2019tti erga barbadeeesseen booda mootummaan ajjeechaa jimilaa kaan duubas jira jechuun shakkuu jalqabe.Gareen kun himannaawwan kunneen ni haala.

Gareen riphee lolaa ELN kun qoodinsa lafaa biyyattii loogii qabu mormuuf bara 1964tti hundeeffame.Waggoota kurnan darban keessa lafa abbootii lafaan dhuunfatamuufi kaampaaniiwwan barbadeesseera.