Masrii: Saanduuqawwan reeffaa waggoota 2,500'f awwaalaman argaman

Saanduqawwan argaman keessaa

Madda suuraa, EPA

Saanduqawwan 27 kan mukaa irraa hojjatamanii baroota 2,500 oliif lafa jalatti awwaalamanii turan qorattoota Masriin argamuun ibsame.

Arkiyoolijistoonni kunneen akka jedhaniitti, saanduqawwan reeffaa kunneenis bakka Saqqaaraa jedhamuufi Kaabaa magaalaa Kaayirootti argamuutti kan argaman.

Isaan keessaayis saanduqawwan 13 jalqaba baatii kanaarratti kan argaman yoo ta'u, kan hafan 14 ammoo itti aansee kan argamaniidha jedhan qondaaltoonni biyyatti.

Argannoon kunis isa guddaadha jechuun qondaaltoonni ibsaniiru.

Suuraawwan bakkichaa gadhiifaman akka mul'isanittis saanduqawwan argaman kunneen kan haalluu adda addaatiin dibamanii haala gaariin eegaman yoo ta'u, muraasni ammoo faayaaleedha.

Saaqqaaraan bara 3,000 dura lafa awwalchaa ta'un kan tajaajileefi amma akka qabeenyaa Addnyaatti UNESCO'n kan galmaa'eedha.

Sanduuqawwan argaman keessaa tokko

Madda suuraa, EPA

"Qorannoon jalqabaa saanduqawwan reeffaa kunneen kan cufamaniifi erga awaalamanii takkaa saaqamanii kan hinbeekne ta'u mulliseera'' jedhan Ministirri qabeenyawwan durii Masrii.

'Icciitiiwwan dabalataa'

Ibsa Ministirri Qabeenyawwan durii biyyattii Kaalid at-Amaanii baasaniin, jalqaba hanga ofii isaa qaamaan bakkichatti argamee hubatanitti argannoo kana ibsuu hinbarbaannee ture.

Erga eddoo qorannichaatti argamuun hubataniin booda hojjattoota dirree sanarra boollaa gadi fageenya meetira 11 keessa haala rakkisaan hojjataa jiran galateeffatan.

Sanduuqi reeffaa kunneen 11m gadi qotamanii argaman

Madda suuraa, EPA

1px transparent line

Hojjattoonni ka'umsa awwaalcha sanaa hanga adda baasaniitti hojiin qotuu ittuma fufee jiraachuun himameera.

Kunneen waggota 2,500 turaniiru jedhamee amanama

Madda suuraa, EPA

Ministirichis guyyoota dhufan muraasa keessatti 'Icciitiiwwan dabalataa' adda baasuuf abdii qabaachuu himaniiru.

Kanneen Saqqaaraatti argaan keessaa

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquities

1px transparent line

Saanduqawwan mukarraa hojjataman kanneen birattis meeshaaleen durii harkaan hojjatamaniifi faayyeeffaman illeen argamusaanii himameera.

line
Wantoota harkaan tolfamanii awwalcha keessatti argaman keessaa tokko

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquities

1px transparent line

Kana duras baatii Muddee keessaa qorattoonni reeffa bineensootaa gogan argachuunsaanii ni yaadatama. Kunis, yeroo jalqabaatiif ummatatti ifa ta'e.

Reeffa bineensotaa goganii argaman keessaa kan simbiroottaa, bofaa, qocaafi kkf ni argamu.

Reeffa bineensotaa argaman

Madda suuraa, Reuters

Saqqaaraan Magaalaa Kaayiroo irraa fageenya kiloometira 30 irratti kan argamuudha. Bakki kunis dirree lafa qorannoo ta'uun tajaajiluudha.