Reeffi dogoggoraan lafa awwaalchaa Islaamaatti awwalame qotamee bahe

Awwaala Musliimotaa

Naayijeeriyaatti dogoggora kutaa reffaatti uumameen reeffi nama Kiristaanaa awwaala Musliimotaatti awwaalamuusaatiin qotamee akka bahu godhameera.

Taateen kun kan uumame Kaaba Kaanotti yoo ta'u namoonni yeroo sanitti du'an lama wal fakkaachaachuusaaniitiin dogoggorichi mudate jedhameera.

Imaama naannoosanii kan ta'an Amiinuu Adamaam BBC'tti akka himanitti dogoggora uumameef itti gaafatamummaa guutuu akka fudhatan himaniiru.

"Reeffa Abdullaahi Obiinwaan adda baasuuf yeroo deemetti lakkoofsa 22 akka ta'e natti himame.

Namni lammaaffaa

Baasil Ejeensi yeroo walfakkaataatti du'e. Lameen isaaniiyyuu namoota hojjaa giddu galeessa qabaniifi furdaa ta'aniidha" jechuun dhaabbiin qaamasaanii wal fakkaachuunsaa dogoggorri akka uumame BBC'tti himaniiru.

Gargaaraan kutaa reeffaa yeroo gaafatamanitti sirna awwaalchaaf areedni ciramuu qaba jedhamanii akka ajajamanitti reeffi Abdullaahiidhaan jechuun reeffa Baasil fuudhanii deeman.

Reeffa Baasil maatiisaa dhufanii reeffa fudhachu yeroo yaalinitti kan dogoggorri akka uumame kan baran. Reeffi eessa akka deemee yeroo adda baasanitti bakka awwaala Musliimootaatti akka awwaalame beekuun kan danda'ame.

Reeffi eega awwaalame torbeen tokko kan darbe ta'us maatii mana murtiirraa xalayaa fiduun qotamee akka bahu godhaniiru.

Hamma ammaatti reeffa Abdullaahi arguun hin danda'amne.

Hospitaalaa reeffi ture reeffa bade argachuuf aanga'oonni hospitaalichaa qorannoo taasisaa jiraachuusaanii BBC'tti himaniiru.