Hindiitti dhalattuun lubbuun osoo jirtu awwaala keessa argamte wallaanamaa jirti

Madda suuraa, Dr Ravi Khanna
- Barreessaa, Geeta Pandey
- Gahee, BBC News, Delhi
Kaaba Indiyaatti dhalattuun osoo lubbuun jirtu awwaalamtee booda lubuun argamte amma haala gaariirra jirti jedhe doktorri ishee.
Gara hospitaalaa yeroo geeffamtu daran haala fayyaa hamaa keessa turte. Walakkkeessa ji'a Onkololeessa keessa summaa'uu dhiigaafi lakkofsi pilaatleetii xiqqaachuun dararamaa turte.
Amma ulfaatinni ishees dabalaa, akkasumas lakkofsi pilaatleetiis haala gaariirra jira jechuun doktorri ishee Raavii Khaanaa BBC'tti himeera.
Hamma ammatti maatiinshee kan hin beekamne yoo ta'u booda guddifachaaf akka kennamtu beekameera.
Ammaf distiriiktii Baaree'ilii kan kaaba Uttar Pradesh'tti eeggumsa daa'imanniin kunuunsa aragataa jirti.
Warri Hinduu reeffa ni gubu ta'us garuu daa'imaniifi ijoolleen yeroo hedduu ni awwaalamu.
Akka jiraatan jedhetti boolla cm90 fagaatu qotee yeroo gasoon/doomaan isaa okkotee/ottee isa bira jiru cabsuu daa'ima boossu dhagahe. Yeroo okkotee/ottee keessa ilaalu dhalattuu boossu arge.
Jalaqaba irratti hospitaalaa dhiheenya jirutti kan geeffamte yoo ta'u, guyyoota lama booda gara hospitaala daa'imannii Dr. Khaanaa kan meeshaalee yaalaa gahaa qabutti geeffamte.
Doktorichi akka jedhutti yeroo gara hospitaalaa isaatti geeffamtu tilmaamaan torbee 30 dura kan dhalatteefi kiiloo 1.1 ulfaatti ture. Yeroos ho'i ishee gad bu'ee, baay'ee qorriteefi hammi sukkaara qaamashee baay'ee gad aanaa ture.
"Gaafa Kibxataa yeroo gara hospitaalaa biraatti geessinu kiiloo 2.57 ulfaatti ture. Nyaata karaa qaruuraan fudhachuu jalqabdeeti, akkasumas fayyaasheen guutumman deebi'eera," Dr. Khaanaa gafa Kamisa dubbatan.


Madda suuraa, Dr Ravi Khanna

Dhalattuun hammam awwaalamtee turte beekamuu baatus doktorichi akkamitti akka lubbuun hafte qofatu tilamaama jedhe.
Dr Khaanaa akka jedhetti "guyyoota sadii hamma afurii turtuu hin ooltu jedha." Daa'imanni garaa, areedafi duubarratti cooma waliin waan dhalataniif guyyoota muraasaaf turuu danda'u.
Ogeeyyiin biroo garuu tilmaamaa biraa kennaniiru- kunis "sa'aatii lamaa hamma sadii" awwaalamtee turuufi "sa'aatii tokkoo hamma lamaatti" turuu dandeetti osoo hin baraaramne jedhu.
Ji'a Onkololeessa keessa poolisiin himannaa"namoota hin beekamnerratti" banuufi maatii dhalattuu tanaa barbaadaa jira.
Maatii ishee awwaalcha isheerratti hirmaataniiru jedhamee amanama kunis sababa barbaachi maatii eega jalqabameen boodas namni tokkollee dhufee daa'ima keenya hin jenne waan ta'eef.
Lakkofsi dubartootaa Hindii keessa rokkoon irra gahu akka addunyatti isa ol-aanaadha.
Dubartoonni hawaasa keessatti baay'ee kan miidhamaniifi diinagdeedhaan baay'ee rakkatu keessatiyyuu hawaasa hiyyeeyyii biratti.














