Qorataan Noorway Itoophiyaatti erga 'qoratamee' booda biyyatti deebi’e

Lammii Noorway kan ta’e Pirofeesarri qo’annoo dhimma nageenyaa fi walitti bu’iinsaa Shetil Tironvool Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti erga 'qoratamee' booda gara biyyasaa deebi’uu isaa ibse.

Siyaasa Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa qo’achuun kan beekamu Pirofesar Tiroonvol, filannoo addattii Naannoon Tigraay adeemsiseefi mootummaan federaalaa 'heeraan ala' jedhe taajjabuuf gara Maqalee imalee ture.

Dabalataan, imalli taasise qaama qorannoo isaa akka ta'ellee ibse. Ergaa Wiixata ganama fuula tiwiitara isaarratti barreesseen waan isa mudate ibse.

‘’... Ergan kutaa immigireeshiniitti qoratamee booda walii galleerra.

Haala kiyya ilaalchisuun qondaala Tajaajila Nageenyaa fi Tika biyyaalessaa waliin erga mari’annee booda walii galteedhaan akka obbolootaatti addaan baaneerra’’ jechuun akkamiin akka gara biyyaa deebi'e ibseera.

Nageenyummaasaaniif jecha dhaabbatichi akka Finfinnee gadi dhiisanii ba’an ajajuu kan himan Pirofeesar Tiroonvol, akka gara biyyaatti deebi’aa jiranillee barreessaniiru.

‘’Gara mana kiyyaatti deebi’aan jira. Ari’ameemmoo miti. Kanaafuu, yeroo gabaabaa keessatti gara Itoophiyaa deebi’ee qorannoo kiyya ittan fufa’’ jedhan.

‘’Ifa gochuudhaaf, filannoo kana taajjabuun anaaf akka nama siyaasa Tigraay/Itoophiyaa waggoota 30 darbaniif qo’ataa tureetti qaama hojii kiyyaati.

Adeemsa filannichaa qorachuu jechuun deggaruu jechuu miti. Garuu bakkatti argamee qabatamaan waan ta’e argee booda bu’aasaa xiinxaluuf na fayyada,'' jechuun tiwiitara isaanii irratti barreessan.

‘’Seeraan ala vizaa tuuristiitiin Tigraay daawwataa jira naan jedhanii duula narratti banan. Kun soba. Hojii kiyyaafin as jira. Beekamtii mootummaa Itoophiyaatiin dhufeen Yuunivarsitii Maqaleef deggarsa kennaa jira’’ jechuun yeroo biraa barreesse.

Waan isaan qunname bu'uura gochuun yaada isaanii ibsaniinis akka qorannoof deebi'an abdii qaban ibsan.

‘’Itoophiyaan walabummaa barnootaa ni eegdi jedheen amana. Hariiroon yeroo dheeraa an Yuunivarsitii Maqalee fi kaan waliin qabaachaa tures bakkatti ni deebi’a jedheen abdadha. Amma mana kiyya ga’eera,'' jedhan.

Kana dura gaazexeessitoonni filannicha gabaasuuf gara Naannoo Tigraay imaluuf turan buufata Xiyyaaraa Booleetti dhorkamne jechuun isaanii ni yaadatama.

Dhimma Pirofeesar Tironvoolis ta'e gaazexeessitoonni waan nu mudate jedhanirratti qondaalli Itoophiyaa dubbate hin jiru.

Sababa koronaavaayirasiin Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa yeroo biraatti dabarsiteetti. Hangasitti aangoon mootummaa akka dheeratu manni maree federeeshinii biyyattii murtesseera.

Haa ta'u malee, naannichi sababa koronaavaayirasiin filannoon yeroo biraatti darbuu hin qabu jechuun addatti filannoo gaggeesse. Filannoo kanaanis, olaantummaan xumure.

Dhaabbilee mormituu afur filannicha irratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'e Saalsaay Wayyaane filannoo taasifamerratti rakkoowwan akka turan ibseera.