Qondaalli poolisii Ameerikaa wayita nama gurraacha reebu waraabame hojiirraa ari’ame

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa bulchiinsa Joorjiyaatti erga waraabbiin viidiyoo wayita aanga'aan nama guraacha lafatti gadi qabee wayita aboottuun rukkutu mulliseen booda qondaalli poolisii hojiirraa ari'ame.
Wayita aanga'aa kanaan harkiifamuun reebichi irratti raawwateetti Roodeek Waakar kan umuriin waggaa 26 konkolaataa keessatti imalarra ture.
Isaan boodas poolisiin isa to'achuuf yaalan.
Viidiiyoon midiyaa hawaasaarratti qoodamee akka mulliseetti, Obbo Waakar poolisoota adii lamaan lafatti gadi qabamuun tokkoonsaa aboottuun reebamaa ture.
Ibsa Waajira Poolisii Kaawuntii Kilaayitaniin keenameen ''Itti aanaan irra deedeebiin Obbo Rodreek Waakar reebee, humnaan ol fayyadamuu isaatti hojiisaa dhabeera'' jedhe.
Kanan malees qorannoon yakkaa gara abbaa alangaa bulchiinsichaatti qajeefameeras jedhameera.
Taatee guyyaa Jimaataa Buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Atilaantaa biratti mudate kanaanis, Ameerikaa keessatti jibba sanyiifi gara jabeenya poolisitiin wal qabatee muddamni akka umamuu taasiseera.
Abookaatoon Obbo Waakar, Sheen Wiiliyaams akka jedhaniitti, wayita qondaalli poolisii harkisuun reebicha irratti raawwateetti maamilli isaanii hiriyaa isaa dubartiifi mucaasaa kan baatii shanii waliin konkolaataa keessatti imalaa turan.

Obbo Waakar konkolaachisaa kan ture isa osoo hinta'iin wayita waraqaa eenyu gaafatamuutti baayyee aaree akka ture Obbo Wiliyaams madda oduu ABC'tti himuun gabaafameera.
''Innis waraqaa eenyummaa homaa akka hinqabanneefi kan konkolaachisaa jiruus isa waan hintaaneef akka isa hinbarbaachifne itti himee'' jedheera.
''Yaada isaa waan hinjaalanneef akka konkolaataa inni konkolaachisaa hinturree keessaa akka bu'uuf gaafatan. Kanaan boodas lafarratti kuffisuun erga reebaniin booda keessa darbanii gara mana hidhaatti geessan.''
Viidiyoo wayita to'atan mullisuurrattis, mucaan konkolaataa keessaa 'abbaa' jechaa bo'aa turte. Itti aanaan qondaala poolisii biraa ammoo rukuti jechaa ture.
Obbo Wiliyaams maamilli isaas yoo xinnaate wayita to'annaa jala oolfameetti al lama of wallaaluu dubbatan.
Suuraan erga Obbo Waakar mana hidhaa galfameen booda kaafame akka agarsiiseetti ijjisaa bitaa dhiita'ee ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

"Yaanni ani viidiyicha irratti qabu, akka carraa ta'ee mirgi sivilii dhiiroota Afrikaanoota lammiilee Ameerikaa wayita namootaafi qondaaltootaan sarbamu kan agarsiisuudha.
Keessattu namoota hojiisaanii seera kabachiisuu ta'een'' jedhaniiru Obbo Wiliyaams.
Obbo Wakar himannaan kan irratti baname yoo ta'u, maatiif abokaatoon isaa akka gadhiifamuuf gaafataa jiru.
Dhiheenya kana keessa Ameerikaan haala qabiinsa lammileeshee Afriikaanoota Ameerikaanotaa harka poolisii fi gaaffii jibba sanyummaa hawaasicha keessa jiruutiin jeeqamaa jirti.
Erga lammiin biyyattii guraachi Joorji Filooyid baatii Caamsaa keessa harka poolisiitti ajjeefameen booda dhimmichi cimaa dhufeera.
Sababii ajjeechaa isaatiin walqabatees mormii biyyattiifi biyyaan alatti babal'atee tureen poolisii keessatti riiformiin akka gaggeeffamuuf gaafatameera.
Dhiheenya kanas halleellaan qondaala polisitiin dargaggeessa guraacha Jaakoob Bileek kan umurii waggaa 29 irra raawwates mormii biraaf madda ta'eera.












