Lidatuu Ayyaalewu himannaan ''heera mootummaa humnaan diiguu'' jedhu irratti dhiyaate

Obbo Lidatu Ayyaaleew

Hokkara ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun magaalaa Bishooftuutti uumamee ture kakaasuu, hoogganuufi maallaqaan deegaruun shakkamee hidhaarratti kan argamu Obbo Lidatu Ayyaaleewu himannaan ''sirna heera mootummaa humnaan diiguu yaaltee jirta,'' jedhu irratti dhiyaachuu abbookaatoon isaanii Obboo Abduljabaar Huseen Gammadaa BBCtti himan.

Paartii Dimokraasummaa Itoophiyaatti miseensa kan ta'an Obbo Lidatuu Ayyaaleewu dhaddachi kaleessa dhimma mirga wabii ilaalchisuun murtee dabarsuuf tureerratti kan abbaan alangaa himannaa haaraa irratti dhiyeessan.

Manni murtii Bishooftuu yakka Obboo Lidatuun ittiin shakkaman irratti yeroo beellama dabalataa poolisiin gaafatee kuffisuun, gaaffiin poolisii bu'uura seeraa kan hin qabne himuun kan fudhachuu didee ture dhaddacha Hagayya 31, 2020 oleen ture.

Manni murtiis galmee qorannoo poolisii cufuun Obboo Lidatuun galmee biraatiin akka gaaffii mirga wabii isaanii dhiyeeffataniif murtee dabarsee ture.

Dhaddacha kaleessaa ooleen ammoo gaaffii mirga wabiisaanitiif deebii kennuuf beelamni qabamee kan ture ta'ulleen, abbaan alangaafi poolisiin yakka ajjeechaatiin shakkuun alattis ''sirna heera mootummaa humnaan diiguutiin'' shakkeera jechuun himannaan irratti dhiyaateera.

Kanaaf bu'uura kan ta'e sanada akka filannootti hundeeffama mootummaa ce'uumsaa ilaalchisuun dhiyeessan yoo ta'u, abokaatoon isaanii akka jedhanitti, sanadichis naannoo baatii Bitooteessaa keessa kan barraa'eefi hokkorri garuu ajjeechaa Haacaaluutiin booda kan uumameedha.

Kana malees, kitaabni Obbo Lidatuu Ayyaalewu barreessaa jiraniifi mana isaanii keessaa argame jedhame akka ragaatti kan irratti dhiyaate yoo ta'u, qabiyyeen kitaabichaas, ''jijjiramicha kan qeequufi qophii sirna heera mootummaa diiguuti'' himannaa jedhan haaraa irratti dhiyaataniiru.

''Sababiiwwan kunneenis mirga wabii dhorkisiisuuf kan abbaa alangaatii dhiyaatan. Kana galmee qorannoo irratti bu'uurreeffatan miti'' jechuun mormii dhiyyeessuu dubbatu abookaatoon isaanii.

Kitaabni Obbo Lidatuu kan ganaa wixineerratti argamuufi kan ummataaf ifa hin taaneedha jedhu.

''Kanaafuu, namni akka yaaduuf hin dhorkamu. Yaada isaatiif hin adabamu. Yaanni yakkaa miti,'' jechuun Obbo Lidatuun yaada kaasuu himu.

Abokaatoon isaanii gama isaanitiin mirgi wabii Heera Itoophiyaafi danbiiwwan idil-addunyaa biyyattiin mirkanneessiteen kan raggaasifamee akka ta'e eeruun, mirgi wabii kunis kan dhorkamu taateewwan tokko tokkoof ta'u eeruun mana murtiitti himuu dubbatu.

Kanaafuu, yakki maamilli isaanii ittiin shakkaman kan ajjeechaa hin qabneefi kan waaggaa 15 ol hin adabsiifne waan ta'eef mirgi wabiisaanii akka eegamuuf gaafachuu dubbatu.

Dhaddachis beellama ganamaatiin galmee himannaa abbaan alangaafi poolisiin Obbo Lidatuurratti dhiyeessan qulqulleessuun murtee kennuu jechuun waaree boodatti beellamee ture.

Dhaddacha waaree booda tureen ammoo abbaan alangaafi poolisiin galmee qorannoo poolisootaa fiduu hin dandeenyu jechuun galmeen qorannoo poolisii abbaa alangaa godinichaatiif ergameera jechuun sababa dhiyeessuu dubbatu.

Manni murtiitis erga bitaafi mirgaa dhaggeeffateen booda galmee qorannoo dhiyeessuu qabdu jechuun murtee dabarseera jedhu.

Manni murtii poolisiin galmee qorannoofi ragaa akka dhiyeessuuf harra ganamatti beelama kan qabate yoo ta'u, qorannoon galmee himmannaa dhiyeessuuf gahaadhammoo gahaa miti jedhamuun murteen itti kennama jedhan.

Guyyaa harrattis himannaa qaama walaba baasuu jedhuu dhiyeessuuf maamilasaanii dubbisus himan. Haala mirga wabii ilaalchisuunis manni murtii harra murte akka dabarsu dubbataniiru.