Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Borsaan harkaa doolaara 19,000 baasu hayyama doolaara 50f barbadaa'e
Borsaan harkaa gogaa naachaa irraa tolfame doolaara kuma 19 baasu dubartiin tokko hayyama malee gara Awustoraaliyaa galchite barbadeeffame.
Borsaan gatii qaalii Firaans irraa bitame kun to'attootaa daangaa Awustoraaliyaan iddoo Perzi jedhamutti qabame.
Omishaalee gogaa naachaa irraa hojjetaman gara Awustiraaliyaa galchuuf namni kamuu hayyama doolaara 50 nama kafalchiisu qabaachuun dirqama.
Dubartiin kun doolaara 50f jettee borsaa doolaara 19,000 dhabde.
Ministirri naannoo Awustiraaliyaa kuni 'yaadachiisa gatii qaalii' hayyamni hagam barbaachisaa akka ta'e nama barsiisudha jedhan.
Yakki daldala bineeldotaan wal qabatu Awustiraaliyaatti hanga hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa doolaara 160,000 ol nama adabsiisa.
Daldala seeraan alaa omishaalee bineedotaan wal qabatu dhorkuuf mootummaan Awustoraaliyaa cimsee hojjeta jedhu aangaa'oonni.
Dubartiin boorsaa harkaa kana bitte gama intarneetiin kan bitte yoo ta'u mootummaarraa hayyama gara biyyaa galchuu hin arganne.
Indastirii faashinii keessatti omishaalee gatii qaqqaaliif jecha bineensonni sanyiin isaanii baduuf jedhan osoo hin hafiin adamfamaa akka jiran leellistoonni naannoo ni qeequ.