UN baqattoonni 400 qarqara Meditiraaniyaatti baraaraman hatattamaan akka gargaaraman gaafate

Eejansiin baqattootaa UN baqattoonni 400 ta’an Galaana Meediteraaniyaan irratti dooniiwwan sadiin baraaraman akka simataman gaafate.
Ibsi Dhaabbata Baqattootaa Addunyaa (IOM) waliin ta’uun baafame akka jedhutti, ‘‘gochaa lubbuu namootaa oolchuuf taasifamedha’’ jedheera.
Eegdonni qarqara galaanaa Xaaliyaanii gargaarsa artiistii Biriiteen Baankisii irraa argataniin hanga yoonaatti bidiruu godaantota humnaa ol baatte tokkorraa namoota 49 baraaranii jiru.
Halkan sanas gareen kun anga’oonni Awurooppaa rakkoo kanaaf deebii gaarii hin laanne jechuun, gargaarsa hatattamaa akka barbaadu Tiwiitara gubbaa baaseera.
Haala baqattoota itti simatan irratti waliigalteerra ga’uu dhabuun namoota balaarra jiraniif da'annoo kennuu dhabuuf sababa ta’uu hin qabu jedhu UNHCR fi IOM.
"Miseensonni Gamtaa Awurooppaa biroonis biyyoota baqattoota galaanarraan dhufan simachuu irratti adda durummaan hojjatan waliin dhaabbachuu qabu’’ jedha ibsichi.
Artiisti Baankisiin kan deeggaramtu dooniin Luwii Misheel jedhamtu hanga yoonaatti lubbuu baqattoota hedduu baraarteetti.
Doonii kana tasgabbeessinus, lubbuun nama tokkoo bidiruu lubbuu baraaruuf qabnu tokkittiirratti du’eera jechuun barreesseera gareen dhaabbata kanaa.
UNHCR fi IOM baqattoonni 200 ta’an baraaruun akka danda’ame yoo ibsan, miidiyaan biyyaalessaa Xaaliyaan RAI lakkoofsichi 130 jedheera.
"Dooniin Luwii Misheel yeroo ammaa kanatti baqattoota humnaa ol baatee waan jiruuf, namoonni kunneen hatattamaan buufamanaii gara da'annootti geeffamuu qabu,’’ jedhani UNHCR fi IOM.
‘‘Kana caalaa turraan lubbuu baraartotaa dabalatee warreen achirra jiraniis balaarra bu’a jedhani.’’















