Liibiyaatti godaantonni 30 maatii faddaalaa tokkoon ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Liibiyaatti faddaalaa seeraan ala godaantota daddabarsu ajjeestaniittu jechuun haaloo bahuuf jecha maatii namticha faddaalaa kanaa godaantota biyya garaa garaa biyyatti seenan 30 ajjeesan.
Gochi ajjeechaa jumlaa kuni lixa Liibiyaatti kan raawwate yoo tahu ajjeefamuu dallaalaa kanaa haaloo baahuufi jedhameera.
Biyyoota Gamtoomaniin beekamtii kan qabu bulchinsi Tiriipoolii keessatti argamu godaantotni 30 faddaalaa ajjeestaniittuu sababii jedhuun firoota dhihoon ajjeefaman jedheera.
Tarreen maqaa godaantota kanaa ifatti yoo himamuu baateyyuu 26 lammiilee Baangilaadish dha jedhameera. Afur Afrikaa irraa akka tahan himamus biyya eessaa akka tahan garuu hin beekamne.
Kana duras godaantoti biyyoota Afrikaarraa deeman qarshii irraa guurrachuuf faddaaltotaan ajjeefamu ture.
Yeroo ammaa kana godaantonni kumaatamaan lakkaawwaman imala balaafamaa galaanarraa fayyadamuun biyyoota Awurooppaatti ce'uuf biyya hokkorri itti baayyatu Liibiyaa keessatti argamu.
Godaantonni kunneen turtii isaanii Liibiyaa keessatti dabarsaniin warreen namoota daddabarsaniifi hidhattootaan qabeenyi isaaniin yoo saamamu, ugguramuun immoo maatii isaaniirra qarshii akka ergisiisan ni taasifamu.
Dabalataan immoo sababii naannichatti waraanni baay'atuuf kaapiiwwan godaantota dhukaasni irra gaha.
















