Indiyaatti baaburri hojjettoota karaarra rafan 16 irra bahee ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Kutaa bulchiinsa Maharaastaraa jedhamutti hojjattoota guyyaa 16 gara buufata baaburaa osoo imalaa jiranii karaatti dadhabanii daandii baaburaa gubbaa ciciisan baaburri irra bahe ajjeese.
Hojjattoonni kun gara manasaanitti deebi’uuf gara buufata baaburaa deemaa turan.
Anga’oonni biyyattii akkaataan du’asaanii akka qoratamu ajajanii qorannoon eegalamee jira.
Hojjattoonni guyyaa kun kiiloomeetira 36 miilaan deemaa erga turanii booda, dadhabanii boqonnaa fudhachuutti mugan.
Namoonni kunis baaburrii akka hin deemneef uggura sochii kaa'ameen dhorkameera jedhanii karaa baaburaa irra ciisanii jedhame.
Weerara koronaavaayirasii to’achuuf Indiyaan sochii namoota uggurraan, hojjattoonni guyyuu kuma kudhanitti lakka’aman miilaan magaalota biyyatti keessaa gara baadiyyaatti godaanuuf dirqaman.
Godaansa hojjattoota kana booda mootummaan Indiyaa baabura qe’eesaanirraa isaan deddebisuu mijeesseefi ture.
Hojjattootanni humnaa galii fooyyee barbaadan kuni harki caalaan isaanii baadiyyarraa gara magaalaatti deddebi’anii hojjatu.
Magaalonni jiddugala paarkii indastirii biyyattiin qabdu sababii weerara vaayirasiitiin wayita cufamu, hojjattoonni guyyaa kun beelatu dhibee dursee nu ajjeesa jedhanii watwaataa turan.
Jalqaba ji’a kanaarraa eegalte Indiyaan uggura sochii namootaa laaffisnaan hojjattootni garaa magaalotaatti deebi’uu jalqaban.
Ministirri Muummee Indiyaa Naarenderaa Moodiin ‘’du’aatiin balaa kanaan lubbuu namoota kanaarra qaqqabe na gaddisise’ jedhan.












