Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Minsitiroonni Bishaanii Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan kalee maal mari'atan?
Ministiroonni Bishaanii Itoophiyaa,Masrii fi Sudaan kalee dhimma hidha haaromsaa Itoophiyaarratti mari'achuu Ministeerri Bishaan, Anniisaa fi Jal'isii Itoophiyaa ibseera.
Marii kanarratti taajjabdoonni Rippaablika Afriikaa Kibbaa, Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa fi ogeeyyii Gamtaan Afriikaa ramade argamaniiru.
Walga'iin kun gabaasa marii, gareen teeknikaa dhimma kanaaf hundaa'e, dhiyeesse ilaaleera.
Gabaasi garee kanaa marii akkaataa adeemsaa fi qajeeltoo guutiinsa bishaanii marsaa jalqabaarratti torban tokkoof mari'atame irratti kan xiyyeefateedha.
Gareen teeknikaa kan biyyoota sadaniiyyuu Hagayya 18,2020 irraa eegaluun karaa interneetii walga'ii gaggeessaa turan.
Walga'iin kun dhimmoota itti aananii raawwatamanis kaa'eera.
Akaataa Kanaan ministiroonni biyyoota sadeenii waan irra ga'an xalayaadhaan Koree Hoji Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaaf erguuf walii galaniiru.
Xalayaan kun dura taa'a koree kanaa kan ta'an, Ministira Hariiroo Biyyoota Alaa Rippaablika Afrikaa Kibbaa Dr Naledi Pandoriif ergama.
Walga'iin kun Fulbaana itti aanu gaafa bultii 14 deebi'ee taa'amuuf kan eegamu yoo ta'u garuu sagantaa Sudaan irratti kan hundaa'uudha.