Koronaavaayiras: Ofii intarneetiidhaan dorgommii fiigichaa gaggeessuun danda’amaa?

Ambaasaadar Ariikaanaa Chiihoomboorii Qa'aa, Atileeti Daraartuu Tulluu fi Dr Gaashaawu Abizaa

Madda suuraa, Gashaw Abiza [PhD]

Koronaavaayirasiin erga addunyaa kanarratti mullateen booda sochiileen hawaas- diinagdee bu’uuraa ummattootaa geedarameera.

Hojiiwwan guyyaa guyyaa keenya raawwachuuf haalawwan kana dura yaalleen hinbeeknetti fayyadamuuf yaaluun dirqama nuuf ta’eera.

Biyya Ameerikaa bulchiinsa Meeriilaandiitti Yunivarsitii Taawunsan keessatti barsiisaafi qorataa daldlaafi teekinolojii ispoortii kan ta’an Dr Gaashaaw Abizaa, Covid-19 mudachuun walqabatee hojiisaanii manaa hojjachu erga eegalanii bubbuluu dubbatu.

Haa ta’u malee hojiiwwaan tokko tokko qaamaan raawwachuu waan gaafatuuf haalasaanii geeddaruun dirqama itti ta’u dubbatu.

Dr Gaashaawu ogummaa isaanitiin atileetoota Itoophiyaa waliin wal-arguun hojiiwwan adda addaa hojjatu. Haa ta’u malee koronaan hojii kana qaamaan argamuun akka hinraawwanneef danqaa itti ta’eera.

Kana malees dhukkubichi fayyaa, xin-sammuufi diinagdee barattoota isaanii irratti dhiibbaa kan taasisu waan ta’eef, ‘‘akka barsiisaatti sun na yaaddessa’’ jedhu.

Manaa osoo hinbaanee akka hojjannuuf dirqamuun keenya dhiibbaa qaba kan jedhan Dr Gaashaawu, uummata waliin wal arguu dadhabuufi alatti sochiilee isooprtii raawwachuu dahdabuun keenya rakkoo biraa ta’u himu.

Atileetoota biyyatti argaman gorsuufi barsiisuun hojii raawwatan keessaa isa biraati. Beekumsa deebi’uun ispoortiin qabaniin biyyatti dedeebii’uun atileetoota Itoophiyaatiif gargaaru ture. Garuu sababii koronaavaayirasitiin kana raawwachuu dhaabaniiru. Kanaafuu weerarri koronaavaayirasii damee atileetikii irratti dhiibbaa olaanaa tasiseera jechuun himu.

‘‘Atileetoonni biyyatti guutuu walitti qabamuun Finfinneetti bu’urreffachuun leenjii taasisuu’’ kan jedhan Dr Gaashaawu, haa ta’u malee sababii dhukkuba kanaatiin dorgommiiwwan hunduu waan dhaabbataniif maddeen galii hundi ji’a jahaa oliif cufamaniiru. Kufaatiin diinagdee addunyaa mo’ates kan haala salphaatti ilaalamu miti jedhu.

Akka Dr Gaashaawu jedhaniitti, maddi galii atileeletotaa badhaasawwan dorgommiiwwan addunyaa mara irra naannawuun taasisaniin argataniidha. Sana ammo haala amma jiruun raawwwachuun waan hindanda’amneef dhiibbaa diinagdee olaanaa keessa galaa jiraachusaanii dubbatu.

Kan afriikaa

Madda suuraa, Gashaw Abiza [PhD]

Ammaan tanas ‘Fiigiicha Guddicha Afriikaa’ wagga waggaan kan Ameerikaa Waashingtanitti gaggeeffamu lammiilee Itoophiyaafi namoonni fedhii qaban kan biraa irratti hirmaatan hirriyyoota isaanii waliin ta’uun qopheessaa jiraachu dubbatu.

Fiigichi Guddichi Afriikaa bara 2018tti eegalamee bara darbee baatii Adoleessaa keessa dorgommiin isaa jalaqabaa gaggeefamees, dorgommiiwwan meetira kuma 5 beektootaa kan namoonni dhibbala lama irratti hirmaataniifi dorgommii guddattootaa 200 ol irratti qooda fudhatan gaggeefamuu dubbatu.

Bara kanattis qophiisaa caalaa guddisuun achuma Waashingitaniitti baatii kana keessa gaggessuuf yaadamee akka ture kan dubbatan Dr Gaashaawu, Covid-19 mudachuunsaa amma danqaa ta’usaa himu.

Waan kana ta’eefuu akka filamaataatti intarneetiitti fayyadamuun lammiilee Itoophiyaa beekamtoota addunyaa bakkeewwan garaa garaatti argaman hirmaachisuun fiigicha adda ta’ee gaggeessuu ibsu.

‘‘Fiigichi viidiiyoo Itoophiyaa’’ mata duree jedhuun fiigicha ateleetoonni bebbekamoon kan akka Daraartuu Tullu, maatii Dibaabaa, Qananiisaa Baqalaa, Miiliyoon Waldee, Faaxumaa Roobaa fi Balaayinaa Dinsaamoo irratti hirmaatan karaa Zoom gaggeessu kan dubbatan Dr Gaashaawu, hirmaattoonnis biyya Jarman, Inglizii, Dubaayi, Itoophiyaa, Afriikaa Kibbaa fi Bulchiinsoota Ameerikaa adda adda irraa hirmaachu ibsu.

Fiigiicha Zoomn gaggeefamee kunis miidiyaalee hawaasummaa adda addaan kallattiin dabarfamusaa himu.

Kaayyoon fiigicha kanaa inni guddaan lammiilee Itoophiyaa ‘bakka garaa garaatti argamaniin jabaadhaa, kunis ni darba’ jechuun, akkasumas lammiilee sababii koronaavaayirasiitiin lubbuusaanii dhaban yaadachuuf ture jedhu. Kana malees galii ittisa Covid-19f oolu walitti qabuuf ture jedhu.

Haaluma kanaanis galii dorgommii kanarraa argame ittisa kornaavaatirasitiif akka oolchaniif dhaabbilee tola oltummaa lamaaf kennu dubbatu.

Sababii Covid-19n mana keessa taa’uun hojii raawwachuuf dirqaman illeen intarneetiitti fayyadamuun waliin irbaata nyaachaa, walgahiiwwan gaggeessaa, guyyaa dhalootaa kabajuufi hojii haala barbaadamuun raawwachuuf akka baran himu.

‘‘Intarneetiitti fayyadamuun teeknolojii qofaa osoo hintaane, haala jireenya keenyaa osoo hinhafne haalaan jijjiruuf dandeettiifi humna ta’eera’’ jechuun faayidaa intarneetii himu.

Haata’u malee haalaan itti hinfayyadamnu yoo ta’ee balaa qaba jechuun soodaasaanii himu. Teeknolojiin damee hundaan waan haaraa gummaachuuf mijataa waan ta’eef, lammiileen Itoophiyaa ogummaa dameewwan adda addaa keessatti argamanis haala ilaalcha saanii bal’ifachuunii fi jijjirrachuun, hawaasa isaniif gumaachu akka danda’an himu.

Bara dhufuutti abdii haalonni ni fooyya’uu jechuun dorgommii fiigiicha Guddicha Afriikaa bara kana adda cite gaggeessuuf karoora qabaachu himu.

Haaluma kanaanis bara 2021tti baatii Waxabajjii akka gaggeefamuuf karoorri yeroof kaa’amu dubbatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa