Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Poolisiin dargaggoota lama yaala Covid-19 adda kutanii miliqan barbaadaa jira
Godina Shawaa bahaa aanaa Booraatti dargaggoota lama iddoo Covid-19 itti wal'aanamaa jiran keessaa yeroo lammataaf miliqanii badan barbaadaa akka jiru poolisiin hime.
Dargaggoonni Shaalloo Fittaalaa fi Issaachoo Abbabaa jedhaman sirreeffamtoota seeraa turan. Mana hidhaa keessatti qorannoo taasifameen Koronaavaayirasiin irratti argame.
Ajajaan waajjira Poolisii aanaa Booraa Inspeektar Miliyoon Taaffasaa BBC’tti akka himanitti, dargaggoonni kunneen namoota shan mana hidhaa aanichaatti koronaavaayirasiin irratti argame keessaayi.
Namoonni shananuu yaalii dhukkubichaatiif Magaalaa Buraayyuu geeffamuu fi dargaggoonni kuni lamaan garuu guyyaa muraasaan booda badanii gara aanichaatti deebi’uu himan.
''Dargaggoonni kuni dhukkubicha bakka itti yaalamaa jiranii badanii gara aanaa keenyaatti deebi’an. Eeruu nu gaheen uummatas hirmaachisnee bakka isaan dhokatan ganda baadiyyaa keessaa qabnee bakka yaala magaala Buraayyutti deebisne,'' jedhan.
Dargaggoonni kunneen bakka yaalaa kanatti erga deebi’aniin booda guyyaa afraffaatti Sanbata Hagayya 08, 2020 marsaa lammaffaadhaaf bakka yaalaatii miliqanii badan.
“Erga gaafa isaan marsaa lammaffaadhaaf badanii deebi’uu isaanii dhageenyee sakatta’iinsa cimsinee barbaadaa jirra. Maatii isaanii biras hin jiran. Hawaasa ganda baadiyyaa hundaafis odeeffannoo kenninee sakatta’aa jirra. Hamma yoonaa hin argamne. Tari gara aanaa Ollaa fa’atti ofdhoksanii ta’uu mala” jedhan.
Itti gaafatamtuu itti aantuun waajjira eegumsa Fayyaa aana Booraa Aadde Fitsum Warqinaa, dargaggoonni Koronaavaayirasiidhaan qabamanii kunneen badanii hawaasaa keessa dhokachuun yaaddoo cimaa nutti uumeera jedhan.
“Uummanni komii cimaa dhageessisaa jira. Nutis sakatta’iinsa itti fufnee jirra. Waan haalan nama yaaddessutu nu mudate” jedhan.
Taateen akkanaa kun haaraa miti. Bitootessa darbe wayita koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessa galuun himamee eegalee namoonni shakkaman, ykn ammoo qabamanii yaaliirra turan miliqanii baduun gabaafamaa ture.
Akka ragaa Ministeera Fayyaatti Itoophiyaa keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman walumatti 24,175 yoo gahu, kan du'an 440.