Gaazexeessitoonni Asraat Miidiyaa mana murtiitti dhiyaatan maaliin shakkaman?

Asraat Miidiyaa

Madda suuraa, ASRAT FB

Ibsa waa'ee suuraa, Asraat Miidiyaa

Gaazexeessitoonni miidiyaa Asraat himata ‘yeroo ergaan hokkoraa kakaasuu darbutti miidiyicha keessa hojjataa turtan’ jedhuun shakkamanii kaleessa [Jimaata Hagayya 07] mana murtiitti dhiyaachuu isaani wayilootnisaaniifi maatiin BBCtti himaniiru.

Kamisa to’annoo jala kan oolan gaazexeessitoonni kun Jimaata dhadachaa mana murtii federaalaa sadarkaa duraa ramaddii Aradaatti dhiyaachuu isaani hundeessitoota miidiyichaa keessa tokko kan ta’an Obbo Geetachoo Shifarraaw BBC'tti himaniiru.

Namootni hidhaman kunneen gaazexeessitoota Mulugeetaa Anbarbiir fi Balaay Maannaayyee akkasumas ogeessa kaameeraa Misgaanaaw Kafalaanyi yoo t’an ji’a saddeet dura kan dhabata miidiyaa kanarraa hojii gadhisee ture Yoonaatan Mulugeetaas akka hidhame Obbo Geetachoo ibsaniiru.

Gaazexeessitoonni kunneen Sadaasa 12 hanga Guraandhala 12/2021 gidduutti “ Ummanni Amaaraa haala addan miidhameera, mootummaanis yeroo ummanni Amaaraa miidhamu irraa dhorkuu hin dandeenye jechuun gaabasa dabarsaniiru" jedhee poolisiin.

Gabaasni kun yeroo darbu gaazexeessitoonni kunneen dhaabaticha keessa hojjataa akka turani fi kanaanis naannoo Oromiyaa magaalaa Dambii Doolloo fi Odaa Bultumitti hokkorri ka’ee lubbuun namaa darbuufi qabeenyi barbadaa’uun shakkamoo ta’uu isaani poolisiin ibseera jechuun BBCtti himaniiru.

Dhimma ittiin shakkaman kana qorachuufis qorattoota gara nannoo Oromiyaatti erguuf poolisiin yeroo dabalataa guyyaa 14 kan gaafate yoo ta’u, manni murtii guyyaa 13 kennuun Hagayya 13/2012tti beellamee jira.

Haala qabiinsaa isaanii

Obbo Geetachoon shakkamtoonni kun gara mana murtii yeroo seenan ho’i qaama isaani akka hin ilaalamne, akkasumas gazeexxeessan Balaay dhibee asmii waan qabuuf kutaan inni keessa jiru mana fincaani bira waan ta’eef rakkachaa akka jiru himaniiru.

Akkasumas maatiin hidhamtoota Kamisarra uffatiifi qorichi akka hin seenneef dhorkamuu isaanii komii qaban mana murtiif dhiyeessu isaanii ibsaniiru.

Kamisarra BBCn kan dubbise dura taa'aan itti aanaa boordii dhaabbatichaa Obbo Tafarraa Gaashaw, gazexeessitoonni kun yeroo manaa fudhataman ‘gaaffiif barbaadamtu’ jedhamuun alatti maaliif akka fudhataman gazexessitoonnis ta’e maatiin isaani akka hin barre himaniiru.

Odeeffannoo maatii irraa argataniin “Poolisooti federaalaafi qandaaltoti tikaa uuffata siviilii uffatan’ manaa isaan fudhatani ammatti buufata poolisii soostanyaatti hidhamanii kan jiran ta’us himaniiru.

Miidiyaan Asraat kana dura ajjechaa Hacaaluu Hundeessan wal qabate miidiyaalee hokkora kaasaan jedhamun akeekkachiifni kennameef keessa ta’uu kan himan Obbo Tafariin Hacaaluun du’uu isaa torban lama dura rakkoo maallaqaa isaan qunnamaneen miidiyichi hojiirra akka hin turre himaniiru.

Kana adda baasuuf yaalii taasisanis homaa deebii akka hin arganne himaniiru.

“Akka dhabaatti hojii keenya yeroo gulaallu gaabasa hokkora kaasuu hin baafne. Sababa tokko maleedha gazexxeesitoonni keenya kan hidhaman,” jechun Obbo Tafarii BBCtti himaniiru.