Siyaasa Itoophiyaa: Tamsaasni TV Dimsti Wayyaaneefi TVn Tigraay adda cite

Madda suuraa, DW fi TIG TV
TVn Dimsti Wayyaaneefi TVn Tigiraay Wixata 06, 2020 galgalarraa eegalee tamsaasa isaanii addaan cituu hojii Gaggeessitoonni midiyaalee kanneenii himan.
Hojii-gaggeessaan TV Tigiraay, Obbo Tashaalee Baqqaalaa mootummaa Itoophiyaatu addaan kute jechuun BBC'tti himan.
Haata'u malee, Itti-anaa itti-gaafatamaan Abbaa Taayitaa Birodkaastiingii Itoophiyaa Obbo Wondawasan Andu'aalam gama isaanitiin, waa'ee TV jedhaman kunneen ragaan cufamaniiru isaan bira akka hin jirree himaniiru
TV jedhaman kanneen dabalatee midiyaaleen gabaasaa bu'uura hin qabneefi odeessaalee walitti buusan gabaasan kaan birooo irrattis akeekkachiisa cimaa barreefamaan kennamu himanii, tarkaanfii midiyaalee jedhaman kanneen cufuu akka hin fudhanne himaniiru.
Akkasumas ''Nutis hayyama haquu dandeenya malee hanga ammaatti tarkaanfiin dhaabbilee saataalaayitii waliin dubbannee gara busuutti hin deemamne,'' jechuun dubbataniiru.
Dabaluunis Obbo Tashaaleen mootummaan Itoophiyaa saatalaayitii addan kutee jedhu.
''Saatalaayitii warra nu kireessanitti bilbillee gaafanneerra., Mootummaan Itoophiyaafi Faransaayi waliin haasa'anii akka addaan kutan nu ajajaniiruu deebii jedhuu nutti himan,'' jedhu Obbo Tashaalan.
Sababa isaa wayita gaafannuus ajaja mootummaa Faransaay raawwachuuf dirqama qabna jedhanii deebisanii himan.
Amma yoomitti uggurama isa jedhus akka hin beekne Obbo Tashaaleen dubbataniiru.
Itti dabaluunis mootummaa Itoophiyaa wajjiin haala gadifageenya isaa irratti mari'adhaa akka jedhaniin kaasaniiru.
Kana malees, Obbo Tashaalan, Abbaan Taayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaatti bilbilanii deebii akka hin arganne himanii, 'xalayaan of eggannoo nu barreeffames hin jiru' jedhu.

















