Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
DHohiinsa Libaanon: Badii dhohiinsi Beeyiruut qaqqabsiise suuraan
Dhohiinsa guddicha magaalaa guddittii Libaanoon Beeyiruut keessatti mudateen namootni 100 ol yoo lubbuu dhaban, gamoowwan hedduun barbadaa'anii jiru.
Dhohiinsichi kiloomeetira dhibbaa ol fagaattee kan argamtu Saayipiras keessattillee dhagaa'amuu gabaasaaleen jiru.
Dhukaasichi kan mudate sababa keemikaala Amooniyem Naayitireetii toonii kuma hedduu waggoota jahaa oliif kuufamee tureen akka ta'e himu qondaalonni.
Keemikaalli kun akka dhohu kan godhe maal akka ta'e garuu ifa miti.
ASuuraaleen hundi mirga abbeentaan nama gaafachiisuu malu.