Qondaala ABO Abdii Raggaasaa irratti galmeen haaraa akka banamu manni murtii hayyame

Miseensi Koree hojii Raawwachiiftuu ABO fi ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan turan Obbo Abdii Raggaasaa, Roobii Adoolessa 29, bara 2020 mana murtii olaanaa Godina Addaa Naannawa Finfinneetti dhiyaatanii galmeen haaraa akka irratti banamu manni murtii hayyame.

Baatii shan dura to'annoo jala kan oolan qondaalli paartii mormituu kun, jalqaba mana murtii Aanaa Buraayyuu, boodas mana murtii Aanaa Sulultaatti dhiyaachaa turan.

Mana murtii Aanaa Sulultaatti galmeen qorannoo irratti banamee akka ture BBC'tti kan himan abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa, bakki isaan turan "kan ulaagaa mana hidhaa guutu miti," jedhu.

Magaalaa Finfinnee naannoo 'siddist kiiloo' jedhamee beekamu 'mooraa waajjira OPDO ture' keessatti hidhamanii, achii mana murtii Sulultaatti deddeebi'aa akka turan natti himani jedhu Dr Tokkummaan.

"Guyyaatti birriin 20 kennamaafi nyaatas achuma keessaa nyaachaa akka turan natti himani," jedhu.

Abukaatoo isaanii waliinis ta'e maatii waliin guutummaatti qunnamtii qabaachaa akka hin turres ni dubbatu.

Poolisiin namoota isaan waliin himataman 10 qorannoo fixeera jechuun galmee yoo cufu, Obbo Abdii irratti garuu eeruu haaraa argadheera qorannoo ittan fufa jechuu himu Dr Tokkummaan.

Haa ta'u malee Manni Murtii Aanaa Sulultaa qorannoon keessan ji'a afur keessatti bu'aa hin agarsiifne jechuun galmee Obbo Abdii akka cufe himu.

Galmeen haa cufamu malee Obbo Abdii Raggaasaa bakkuma itti hidhaman tursiifamuu dubbatu.

Erga galmeen cufamee boodas Obbo Abdii iddoo hidhamanitti arguun rakkisaa ture, abukaatoon ta'e maatii arganii dubbisuu hin danda'an ture jedhan.

San booda komiishiniin poolisii Oromiyaa 'osoo qorannoorra jirra jennuu manni murtii galmee nu jalaa cufe' jechuun Mana murtii Olaanaa Godina Addaa Nannawa Finfinneetti ol iyyate jedhan.

Maatii fi abukaatoon qunnamtii waan hin qabneef wayita Mana Murtiitti dhiyaatanitti kophaadhuma isaanii falmataa turani jedhu Dr Tokkummaan.

Yeroo kanatti abukaatoo fi maatii isaaniin wal arguu akka hin dandeenye mana murtiitti himatanii, manni murtiis wanti isaan jedhan dhugaa ta'uu, ji'a shaniif maatii fi abukaatoo waliin akka wal hin argiin erga mirkaneeffatee booda abukaatoo fi maatiin akka wal argan ajaja dabarsuu himu.

Bu'uuruma kanaan Obbo Abdiin Roobii Adoolessa 29, 2020 abukaatoo isaanii waliin Mana murtii Olaanaa Godina Addaa Naannawa Finfinneetti dhiyaatan.

"Yeroo jalqabaaf har'a mana murtii keessatti obboleessa isaa ijaan argee dubbise," jedhan.

Manni murtii bu'uura eeruu haaraa poolisiin argadhe jedhuun galmeen qorannoo deebi'ee akka banamu hayyamuu himu Dr Tokkummaan.

Eeruun haaraan poolisiin argadhe jedhu rakkoo nageenyaa Godinaalee Kibba Oromiyaa Gujii fi Boorana keessa tureen wal qabatas jedhan.

Waraana hidhatee bosona jiru waliin hariiroo akka qabus eeruun nu qaqqabeera jechuu himan.

Jalqaba kan ittiin himataman ajjeechaa qondaala nageenyaa mootummaa magaalaa Buraayyuutti ajjeefaman komaandar Salamoon Taaddasaafi rakkoolee nageenyaa Lixa Oromiyaa keessaa harka qabaachuu kan jedhu yoo ta'u, galmeen sun cufamee amma gara kanatti naanna'e jedhu Dr Tokkummaan.

Obbo Abdiin garuu yakka hanga har'aa ittiin himataman keessa tokkoyyuu akka hin raawwatiin mana murtiitti himachuu dubbatan.

Manni murtii Olaanaa Godina Addaa Naannawa Finfinnee dhimmi isaanii Mana murtii Aanaa Sulultaatti deebi'ee, bu'uura eeruu haaraa poolisiin argadhe jedhuun galmeen akka haaraatti akka banamu ajaja kennuu Dr Tokkummaan himaniiru.

Dhimmi isaanii Mana murtii Aanaa Sulultaatti deebi'ee galmeen erga banamee booda beellamni akka qabamuuf himani.

Obboo Abdii Raggaasaa Guraandhala 29, 2020 ture to'annoo jala kan oolan.

Tibba to'annoo jala oolan achi buuteen isaanii dhabamee gareen mirga namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal mootummaan eessa akka jiru akka ibsu gaafatee ture.