Guyyaa Walabummaa Ameerikaa siidaan Melaaniyaa Tiraamp ibiddaan gubate

Siidaan kuni namootaan erga gubate booda bakkaa kaafamuu ibsameera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan kuni namootaan erga gubate booda bakkaa kaafamuu ibsameera

Siidaan Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp magaalaa Siloveniyaa itti dhiheenyaan dhaabbatee ture namootaan gubachuun dhagahame.

Sababa kanaanis bobboci hawwataa miti jedhame kuni bakkaa akka kaafamu ta'eera.

Artistiin Ameerikaa siidaan kuni akka ijaaramu yaada dhiheeesse Biraad Downii akka himetti gaafa Adoolessa 04 guyyaa Walabummaa Ameerikaatti gubate.

Polisiin miidiyaa Rooytarsiif akka himetti qorannoo eegalaniiru.

Waajjirri Pirezidant Tiraamp Waayit Haawus dhimma kana irratti yaada hin kennine.

Bobboci Melaaniyaa Tiraamp mukarraa kan hojjetame yoo ta'u magaalaa Sevnikaa giddugala biyya Siloveniyaatti argama.

Siidaan kuni Adoolessa bara 2019 yeroo dhaabbate nama garaa garaa keessa miira adda addaa uume.

Siidaa kana irratti Aadde Melaaniyaan kootii samii fakkaatu uffatanii mul'atu. Uffanni kuni yeroo Donaald Tiraamp muudaman kan uffatan ture.

Jiraattonni bakkas jiraatan siidaan kuni animeeshinii fakkaata malee Giiftii Duree Ameerikaa hin fakkaatu jechuun qeeqanii ture.

Siidaan Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp Adoleessa bara darbe ture kan dhaabbate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp Adoleessa bara darbe ture kan dhaabbate

Doownin maaliif namoonni siidaa kanatti ibidda qabsiisan baruu akka barbaadu Rooyitarsiif himeera.

Yoo dhimmisaa barame siyaasa Ameerikaa keessumaa baqattoota irratti dubbii ijoo akka ta'u danda'u amana.

Aadde Melaaniyaan Siloveniyaa keessa kan dhalatan yoo ta'u bara 1990 keessa gara Ameerikaa kan dhufan.

Dur modeela ta'un isaaniis ni beekama.

Siidaan isaanii yeroo siidaan hoggantoota Ameerikaa garbummaa waliin hidhata qaban namoota ajjeechaa Joorj Filooyidiin aaraniin caccaban booda keessa deebi'amee ilaalamaa jirutti raawwate.

Erga Donaald Tiraamp bara 2016'tti Pirezidantii Ameerikaa ta'un filamanii as tuuristoonni haala guddina Aadde Melaaniyaa baruuf gara Sevnikaa imala baay'isaniiru.

Siidaan Donaald Tiraampillee jalqaba waggaa kana gubachuun ni yaadatama

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan Donaald Tiraampillee jalqaba waggaa kana gubachuun ni yaadatama

Hagayya bara darbe, siidaan mukaa Donaald Tiraamp Siloveeniyaa Baha magaalaa guddoo biyyattii 'Ljubljana'tti dhaabate ture.

Akkuma siidaa haadha warraa isaaniif dhaabbate siidaan isaaniillee namoota gidduu ioo dubbii ta'e ture.

Siidaan Tiraamp 8m dheeratu Fulbaana bara kanaa gubate daaraa ta'eera.