Ameerikaa: Dhimmoota Donaald Tiraampi waa'ee Somaaliyaa hin hubatiin

Ilhaan Omaar alaabaa US fi Somaaliiyaawaliin

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampi miseensa Koongirasii Ameerikaa kan taate Ilhaan Omaariin akka kookkoo/bulguu ittiin ijoollee sodaachisaniitti (bogeywoman) ishee fudhataa jira.

Kun ammoo Mudde darbe yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turan Waayit Haawus keessatti ture.

Kanas biyya dhaloota Ilhaan kan taate Somaaliyaa bakka ishee buusuun.

Duula na filadhaa Talsaa, Oklaahoomaa keessatti gaggeesseen Tiraampi akka haaraatti dubartii ganna 37 Ilhaaniin qoccoluutti deebiye. Seera maleessummaa biyyashee, Somaaliyaa, US'tti fiduu barbaaddi jechuun itti buufate.

''Mootummaan biyya keenyaa kan akka mootummaa biyya isheen irraa dhuftee- Somaaliyaa akka fakkaatu barbaaddi. Mootummaan, nageenyi, poolisiin, omtuu hin jiru; wanti hunduu seera maleessa. Amma attamiin akka biyya bulchinu nu gaafataa jirti. Lakkii, galatoomi.''

Ilhaan Omaar US kan galte wayita daa'ima turte bara 1995 maatii ishee waliin ture. Ilhaan yeroo ammaa bakka buutuu Koongrasii kan magaalaa Miniyaapoolis bakka Joorji Filooyiid poolisiin itti ajjeefamedha.

Pirezidantichi waa'ee Somaalee ta'uu Ilhaan irratti xiyyeefachuu kan filate duula na filadhaa Talsaa irratti ture.

Ilhaan ammoo gama isheetiin haasaa isaa kanaan ''jibba sanyyii'' jetteenii jirti. Aariin isaa kunis dorgommii dhiiheenya taasifameen kaadhimamaa pirezidaantummaa garee Dimokraatota Joo Baayidan bulchiinsa ishee keessatti waan isa caaleef jechuun ibsitee jirti.

Presentational white space

Pirezidaantichi Ilhaaniin akka 'nama jibbaan guutamee' jechuun ibseen. Itti-dabaluunis Mr Baayidan kan mo'atu yoo ta'e gahee biyya sirreessuu qabdi jechuunis akeekkachiseera.

Haata'u malee, Ms Ilhaan deeggartuu cimtuu Bernii Saandarsiiti.

Doonaald Tiraampiifi Ilhaam Omaar

Madda suuraa, Reuters

Bara darbees wayita Tiraamp duula na filadhaa Kaaba Kaarolinaatti gaggeesseetti ummanni Ilhaamiin ''biyyatti deebiisi, biyyattii deebiisi'' jechuun iyyaa turan.

Ilhaan kan Donaald Tiraampiin qeequun beekamtus, kanan dura waa'ee ergaa tiwitaraa warra Juuyiish ilaalchisee barreessiteetiin ibdirra kaa'amtee ture.

Qaamoolee US seera baasan waan deeggarsa maallaqaa irraa argataniif jecha Israa'eloota deeegaru jettee kan barreessiteef booda dhiifama gaafattee turte.

Mr Tiraamp Somaaliyaa akka biyya addunyaa kanaa kuftee tokkootti ilaalaa jira. Maqa balleessaan kunis jijjirama biyyattii keessatti mullatee kan haaleedha.

Mohaamad Abdullahi Mohaamad pirezidaantii Somaaliyaa ta'uuf lammummaa US seebiiseera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaamad Abdullahi Mohaamad pirezidaantii Somaaliyaa ta'uuf lammummaa US seebiiseera

Mr Tiraamp Somaaliyaan akka waan biyya seera ittiin bulmaataa, poolisii mataashee, mootummaa hin qabneetti yaaduunsaa, faallaa dhugaa qabatamaa jiruuti.

Mootummaan UN dhaan deegaramuuf biyyattii deebiisee ijaaruufi milishoota Islaamummaa facisuuf tarkaanfiiwwan murteessaa taasisee jira. Kunis deegarsa lammilee Somaaliyaa biyya alaarraa gara biyyaattii deebii'anii akka ta'e himama.

Kunis pirezidaantii Somaaliyaa kan ammaa Mohaammad Abdullaahi Mohaammad kan 'Faarmaajoo' jedhamuun beekamu kan dabaltuudha.

Innis bara 2017tti lammummaa US isaa deebiisuun gara biyyaatti deebii'e.

Daa'ima taphataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Tarii ilaalchii Mr Tiraampiifi deegartoonni isaanii waa'ee Somaaliiyaa qaban kan seenaa bara 1993 wal qabate ta'uu mala.

Innis yeroo itti waraanni US hoogganaa waraana qabuudhaaf Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti haleellaa cimaa gaggeesanii turaniidha.

Tibba sanattis hilikoptariin waraanaa Ameerikaa lama kuffiifamanii ture. Akkasumas loltoonni US 18 fi lammiileen Somaaliyaa 500 ol waraana sanaan ajjeefamanii ture.

Waiyata sanattis reeffii loltootaa daandiirra harkifamuu lammiilee Ameerikaa baayyee naasisee ture.

Haata'u malee, bara aangoo Tiraampiitti US Somaaliyaa keessatti waraana icciitii keessatti hirmaachuun garee milishoota Isilaamaa al-Shabaabiin waraanti.

Waraanni kunis karaa humnoota addaa, dirooniin kan gaggeefamuudha. Kanaafuu, lammileen Ameerikaa waa'ee kanaa beekan muraasa qofaadha.

Somaaliyaan gara waggoota soddomaatiif kuftee turte. Lammiilee biyyattii hedduunis gara biyya biraatti baqataniiru. Haaluma kanaanis US keessatti Miniyaapoolis addunyaa keessaa hawaasa Somaaliyaa hedduuf mana isa guddaadha.

Haata'u amlee, erga taatee 9/11 Ameerikaa keessatti mudatee asi ammoo Isilaama ta'uun hanga tokkoo ilaalcha addaa akka qabaatan taasiseera.

Ilhaan Omaar

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantii Tiraampiif Ilhaan ulaagaa 'baqattuu gaarii'' hin guuttuuf.

Shamarreen mana maree bakka bu'ootaa keessatti hijaaba uffachuuf qabsooftees, dhorkaa waggoota 181f turee geedarsiifteetti.

Isheenis Islaama ta'uusheetti gonkumaa hin saalfattu. Dhimma akkanaatu Ilhaan dubartoota Ameerikaa-Somaaleetiin adda taasisa.