Siyaasa Itoophiyaa: 'Sirni durii sun guutuumaan haqamu malee jijjiramnii dhugaa hin dhufu'

Madda suuraa, OMN
Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 Wiixataa galgala erga namoota hin beekamneen ajjeefamee kaasee mormiin biyya keessaafi biyyoota alaatti cimee gaggeefamaa jira.
Hawwasni Oromoo biyya alaatti argamanis, biyyoota garaa garaa keessatti mormii gaggeessaa jiru.
Haaluma walfakkaatuun Adoolessa 06, 2020 biyya Siiwiizarlaad -Jeeneevaa, fuldula dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Firaans magaalaa Paariis, akkasumas Ameerikaa magaalaa Siyaatiiliitti mormiin gaggeefamaa ooleera.
Ajjeefamuu Haacaaluu balaaleefachuun alatti kaayyoon guuddaan mormiiwwan biyya alaaatti gaggeefamaa jiranii maali?
Falmituu mirga Oromoofi Hooggantuu Waldaa Oromoo 'Legacy Leadership and Advocacy' kan Aeerikaatti argamuu kan taatee Addee Seenaa Jimjimoo, kaayyoo hiriira mormii biyyoota alaatti gaggeefamaa jiru kana maal akka ta'e ilaalchisee BBCn dubbirseera.
Aaddee Seenaanis deebii kenaaniin, ''Jalqabarratti kaayyoon hiriira kanaa, qaamni ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate saffisaan akka adda baafamee seeratti dhiyaatuu gaafachuudha.
Inni biraa ammoo hooggantoonni paartiilee siyaasaa akka Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaafaa atattamaan akka hiikkaman gaafachuudha,'' jirti.
Oromoon gaaffiiwwan hin deebi'iiniif hedduu osoo qabuu deebisanii namoota ummata Oromootiif qabsaa'an mana hidhaa galchuun sirrii akka hin taanee mormuuf jetti.
Kana malees, hirmaattonni hiriirichaa MM Abiy kanaan booda ummata Oromoofi lammiilee Itoophiyaa bakka waan bu'uu hin dandeenyeef saffisaan aangoorraa akka ka'u gaafatamaa jiru jetti.
Kallattii gaaffii namoota hiriira moormiif bahaniin dhiyaataa jiru ilaalchisees, ''Ammaaf kallattii gaaffii ka'aa jiruu kan MM Abiy irratti xiyyeeffate ta'ulleen, gaaffii guddaan garuu kan sirna durii kan biyyattiin ittiin uumamte, sirna Impaayiraa waan ta'eef, sirni sun guutuun haqamuu malee jijjiiramni dhugaa hin dhufu kan jedhudha jechuun ibsiti.
''MM Abiy waggoota lama dura gara aangootti wayita dhufanitti nama aangoo qabateetu jijjirame malee jijjiiramni sirnaa hin dhufne'', kan jettu Aaddee Seenaan, ammalleen ummanni sirna irrattil gaafii akka qabu dubbatti.
''Haaluma kanaanis qaamolee hawaasa Oromoo hiirara mormiif bahan bulchitoota mootummaa dubbisanii jiru.
Isaanis dhufanii hawaasa Oromoo dubbisaniiru. Isaan kaan immoo xalayaafi imeeliidhaan wal dubbisaa jirra,'' jechuun waan irra gahan himti.
Gama biraatiinis, ''hawaasa Amaaraa irraa himannaan Oromoorratti mootummaa Ameerikaatti, keessumaayyuu magaalaa Waashingitan Dhiiyeessaniiru. Himannichis akka waan Oromoon duguuggaa sanyiirratti waamicha dhiyeessaa jiruutti himannaan mootummaa Ameerikaa dhaqabeera.''
Kanarratti bulchitoonni magaalota Ameerikaa biroo immoo hawaasa Oromoo erga dubbisanii booda gadda itti dhagahame ibsatanii jiru jetti.
Kana malees, ummanni biyya keessaa hiriira bahee sagaleesaa dhageessisuu akka hin dandeenyee taasifameera kan jettu Aaddee Seenaan, mootummaan humna waraanaa waan bobbaaseefi namoonni sagalee dhageessisuus ta'e manaa bahuu hin dandeenyee jetti.
Akkasumas, mootummaan intarneetii adda kutuu namoonni odeffannoo akka waliin hin qoodne taasisuun akkasumas manaa manarra deemuun namoota hidhuun biyya keessatti sagalee ummata ukkamsaa jira jetti.

















