'Haacaaluun jiraatti weelluun akkuma godhe du'a isaattillee Oromoo tokko taasise'-NYTimes

Art. Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, DAGI PICTURES

Hacaaluun akkuma jiraatti weelluu qabsoo isaatiin lammilee bilisummaafi haqaaf falman tokkoomse du'a isaattillee Oromoo Lixaafi Bahaa, Kaabaafi Kibbaa akkasumallee alaafi keessa jiran tokko taasiseera jechuun gaazexaan beekamaa Zee Niiwuu Yoork Taayimsi gabaaseera.

Erga Artist Hacaaluu Hundeessaa Wixata galgala Finfinneetti ajjeefamuun isaa dhaga'amee miidiyaaleen addunyaa gurguddoon Ameerikaa, Kanaadaafi biyyoota Awurooppaa hedduu walitti fufiinsaan gabaasaa jiru.

Dhimmi ijoon miidiyaaleen kunneen irratti xiyyeeffatanii gabaasan ammoo weelluuwwan isaa humna guddaan Qeerroo sochooseefi warraaqsa qalbii addunyaa keessa seene sochoosaa ture ta'uu isaati.

Miidiyaaleen kanneen keessaa warri akka Al-Jazeera sirboota isaa keessaa hedduu kan jaallatamu yeroo mormiin Maaster Pilaanii Finfinnee dhohetti gadhiifame, Maalan Jira…? jedhu gidduudhaan dhiyeessaa dhimmi ajjeechaa Hacaaluu, taateewwan ajjeefamuu isaan walqabatanii ta'aa jiran akkasumas siyaasa Itoophiyaa hayyoota xiinxalchiisa.

Kana malees, miidiyaaleen addunyaa gaggeessaafi hokkara bakka awwaalcha Hachaaluun walqabatee uumameen namoonni bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti fira isaa keessaa dabalatee namoonni ajjeefamuu gabaasaniiru.

Ajjeefamuu Hacaaluun walqabatee aanga'oonni siyaasaafi qalbii uummata Oromoo keessa jiru jedhaman akka Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaafi kanneen biroo hedduun to'atamuu isaanii miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.

Mormii ajjeefamuu Hacaaluutiin guutummaa Oromiyaatti dhohuu isaatiin walqabatee ,mootummaan Itoophiyaa interneetii cufuusaas gabaasaa jiru.

OMN cufamuufi gaazexeessitoonni isaa to'annaa jala oolfamuunis miidiyaalee kanneeniin xiyyeeffannaa argateera.

BBC'n afaan Ingiliffaan oduu dhedheeraa waa'ee Hacaaluu barreesseen, ajjeefamuu isaafi ajjeefamuu isaatiin walqabatee waan uumamaa jiru kaaseera.

BBC'n oduu bal'aa waa'ee Hacaaluu gabaaseen waa'ee seenaa ijoollummaa isaa, turtii mana hidhaa keessatti dabarsee, akkamitti akka muuziqaa jalqabeefi sirboota qabsoo isaa human qaban kakkaasuun seenesseera.

BBC'n waa'ee Hacaaluu Ingiliffaan alattis BBC Arab dabalatee bal'inaan gabaaseera.

CNN ammoo oduu bal'isee waa'ee Artist Hacaaluu gabaase keessaa tokko suura Hacaaluu eeboofi gaachana qabatee, anfaarroo uffatee dhaabatuun itti seenee taateewwan ajjeechaa isaa waliin walqabatan kaaseera.

Kana malees, qabsoo bara 2015 jalqabamee bara 2018 jijjiirama fidee duuba nama jirudha jechuun eenyummaa isaa ibseera CNN.

Miidiyaalee waa'ee Hacaaluu, ajjeefamuu isaafi taateewwan isaan walqabatanii uumaman gabaasaa jiran keessaa DoocheVeeleen (DW) warra Jarmanii tokkodha.

'Sagalee Warraaqsaa'

Dooche Weeleen barreeffama afaan Ingiliziitiin marsaa lamaan baaseen waan hedduu seenesseera.

Maddawwan gara garaafi namoota waa'ee Hacaaluu dubbachiisuun kan dhiyeesse DWN'n Hacaaluutiin 'Sagalee warraaqsaati' jedheera.

Haacaaluun sagaleen dhaloota garbummaa didanii akka dhaga'amuuf kan 'humna elektiirikaa ta'eef' jechuun ibsa.

DW'n gabaasa isaa itti fufuudhaan sirba Hacaaluu bara 2015 bahe "Maalan Jiraa…?" jedhu gadi fageenyaan ibseera.

Sirribichi dhiibamuu Oromoon baroota hedduuf keessa darbaa dhufe kan agarsiisuu fi gidiraa dhuma hin qabne Oromoon Finfinneefi naannawaa ishee jiraatan dhugaa jiru kan agarsiise akka ta'e dhugaa ba'aaf.

Sirba "Maalan Jiraa…?" jedhutti aanee bahe "Jirra" jedhus hedduu kan jaallatameefi Oromoon eessa akka jiran kan hubachiiseefi fuulduratti ammoo garamitti akka deemaa jiran kan himedha jechuun ibse DW.

Karaa biraan DW tarkaanfiiwwaan aanga'oonni mootummaa ajjeefamuu Hacaaluu booda fudhatan 'ibidda irratti beenzila' naquudha jechuun gabaaseera.

Mormii ajjeefamuu Hacaaluutiin walqabatee namoonni ajjeefamuufi hidhamuun Oromiyaa keessatti gabaafamuu isaa yaadateera.

Yeroo ummanni miira gaddaafi dheekkamsa keessa jirutti OMN cufamuuniifi Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaan fa'aa hidhamuun daran dubbii hammeessina jedha.

Hacaaluun gaaffiifi deebii yeroo dhumaa OMN irratti taasisarratti namoota hojii isaa hin jaallannerraa doorsisni ajjeechaa akka isa qaqqabu himuun doorsisaaf akka hin jilbeeffanne dubbachuu isaallee DW yaadateera gabaasa isaa kanaan.