Somaaliyaatti haleellaa al-Shabaab mana nyaataarra geessiseen namoonni ja'a ajjeefaman

Dho'insa boombii Moqaadishootti raawwatame

Madda suuraa, Reuters

Magaalaa Kibba Somaaliyaatti argamtu Baayidaawaa jedhamtu keessatti haleellaa boombii mana nyaataa tokkorratti raawwatameen namoonni ja'a miidhamuu isaanii aanga'oonni BBCtti himaniiru.

Karaa biraan ammoo, haleellaa boombii namni ofii balleesse baduuf jedhe ulaa galaanaa magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishootti dhiyoo argamtu tokkotti raawwateen yoo xiqqaate namoonni torba madaa'aniiru.

Gareen al-Shabaab haleellaa lamaan duuba akka jiru dubbateera.

Hidhattoonni Al-Qaa'edaa waliin walitti dhufeenya qabu jedhaman kunneen mana nyaataa Baayidawaa keessatti qondaalota gibira sassaabaniifi loltoota walga'iirra jiran irratti kan fuulleffatee ture ta'uu himameera.

Gareen hidhate kun haleellaa raawwateen loltoonni lama ajjeefamuu beeksisullee, aanga'oonni garuu namoonni miidhaman hundinuu namoota nagaati jedhan.

Aanga'oonni Moqaadishoo konkolaataan boombii kiyyeeffatee deemaa ture buufata itti sakatta'amu dhaabachuu didee cabsee deemnaan dhukaasa bananii akka turan BBCtti himaniiru.

Hidhataan balleessee baduuf ture sun konkolaataa isaa oofaa gara buufata poolisii ulaa galaanaa fuula dura jiruutti darbuun osoo haleeluuf yaalii gochaa jiruu qaamoleen nageenyaa itti dhukaasnaan konkolaatichumarratti dhoheera.

Taatee kanaanis poolisoota lamaafi namoota nagaa karaa sanarra darbaa turan shan irra miidhaan gaheera.

Hojjetaan ulaa galaanaa tokko, "caccabaan sibiilaafi mukaa nu hunda keenyarratti kuufe, isaan booda sagalee dhukaasaa dhageenye," jechuun haala ture Rooyitarsitti himeera.

Mootummaan Somaaliyaa Ameerikaatiin deeggaramu, waggoota kurnan darban keessa biyyattii to'achuudhaaf Al-Shabaab waliin wallaansoo wal qabaa jira.