Ajjeechaa Haacaaluu: Sirni awwaalchaa Art.Haacaaluu Hundeessaa Kamisa dhufu raawwatama

Sirni Awwaalchaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Iftaan jechuuniis Kamisa dhufu raawwatama.

Sirna Awwaalchaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Kamisa dhufu magaalaa Ambootti raawwachuuf koreen ijaaramee socho’aa akka jiru miseensa koree sirna kana kan ta’an Pireezidantiin Yunivarsiitii Amboo Dr. Taaddesee Qana’ii BBC’tti himan.

Ganama reeffaa simachuuf fira dhiyoo waliin gara Finfinnee imalanii akka turan kan nutti himan Dr. Taaddasaan reeffii erga Ambootti qajeelee Finfiinneetti deebi’ee isaaniifi maatin dhiyoon biroon osoo Finfinneedhaa Ambootti hin deebi’iin reeffi Hilikooptaraan magaala Amboo gahuu dubbatu.

Ammatti miiraa jirurraa kan ka'e waayee sirna awwaalchaa mariyachuun rakkisaa waan ta’eef bor gaggeessan haala kamiin akka raawwatamu koreen hundaaye ni mariyataa jedhan.

‘‘Hanga ammaatti marii jiruun jiruun awwaalchi kan gaggeefamu Kamisa ta’aa sagantaalee biroommoo bor mariyannee ibsinaa’’ jedhan.

Sirni Awwaalchaa kun magaala Ambootti akka rawwatamu fedha maatii akka ta’eefi reeffiis bu’uura kanaan gara Magaala Ambootti ergamuu Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa OBN’tti himanii turan.

Dhuguma awwaalchi akka magaala Ambootti raawwatamu fedha maatiitimoo dhiibbaatu jira gaaffii jedhu kaasneefii kan turan Dr. Taaddesee, ‘‘dhimmanarraa waa hedduu hin beekuu, hin hubannee’’ jedhan.

Miirri gara qe’ee fi magaala keessa jiru isaan gaafanneefis ‘‘miira maal gaafatta, waanuma goonu dhabne malee nagaa hin qabnuu, baayyee rakkoo keessa jirraa’’ jedhan.