Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imbaasiin Itoophiyaa Landan jiru 'miidhaan narra gahe' jedhe
Namoonni ajjeechaa artisti Haacaaluu Hundeessaatiin dheekkaman Imbaasii Itoophiyaa Landan jirutti argamuun miidhaa qaqabsiisuu Imbaasichi BBC'tti hime.
Imbaasichatti Qondaalli Diyaaspooraafi Midiyaa kan ta'an Yaalawu Kabbadaa akka jedhaniitti, dargaggoonni ajjeechaa artisti Haacaaluun aaran alaabaa biyyattii buusuun gubuuf yaalaniiru, bakka isaas alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo fannisuu isaanii dubbataniiru.
Dargaggoonni kunneen gara Imbaasichaa kan dhufan gara sa'aatii saddeetiitti ture kan jedhan Obbo Yaalawu, gara Imbaasichaa keessa seenuuf yaaluus himaniiru.
Itti dabaluunis namni tajaajila bakka bu'insaa kennuu argachuuf Imbaasichaa seenee bahaa ture tokkoo irratti reebichi raawwatameera jedhaniiru.
Dargaggooti kunneen sibilaafi wanta boba'uu danda'u harkatti qabatanii ture jechuun himatu Obbo Yaalawu.
Wayita taateen sun mudateetti hojjattoonni imbaasichaa hundi hojirraa akka turan kan himan qondaalli kun miidhaa qabeenyaa irra gaheefi reebicha tajaajilamaa tokkorra gahe malee miidhaan biraa kan hin qaqqabne ta'u ibsan.
Imbaasichis dhimmicha poolisiitti iyyachuu beeksiisee, miidhaa qabeenyarra gaheefi reebicha tajaajilamaa irratti raawwateef gara seeraan gaafachuuf akka ta'e himeera.
Dargaggoonni kunneen hiriiraaf hayyama akka hin gaafanne eeruun, eenyummaa isaanii adda baasuuf kaameeraa CCTV irraa raga fudhachusaanii ibsaniiru.
Hanga ammaattis miidhaa qaqqabeen walqabatee namni to'atame kan hin jirre ta'ulleen poolisiin himannaa kan irratti banu ta'u dubbatan.
Erga miidhaan imbaasicha irratti gahuun ibsameen boodas siidaan mooticha Hayila Sillaasee Landaniitti argamu diigamuusaa suuraan midiyaalee hawaasaa irratti qoodaman ni mullisu.
Qondaalli imbaasichaa garuu siidichi imbaasiirraa fagaatee akka argamuufi odeeffaannoo feesbuukii irratti qoodameen alatti raga kan hin qabne ta'u ibsan.
Kana boodas miidhaan wal fakkaatu akka imbaasicharra hin geenyeef haaluma waliigaltee Viyeenaatiin mootummaan biyyattii eegumsi kan taasifamuuf ta'u himaniiru.