Talaalliin Covid-19 Afrikaa Kibbaatti namarratti yaalamuu jalqabe

Talaalliin Yuunvarsiitii Oksifordiin qophaa'e Afrikaa Kibbaa fi Biraazilitti nama irratti yaalamuu jalqabe.

Afrikaa Kibbaatti weeraricha ittisuuf yaalii talaallii argannoo guddaadha jedhame kana irratti 2000 tahan hirmaatu.

Hammi talaallii kennamuu Afrikaa Kibbaa Magaalaa Johaanisbargitti torban kana keessa akka murtaa'aa ture gabaasaan BBC Andirew Hardiingi himeera.

Afrikaan Kibbaa kan filatamteef qorannicha irratti oogummaa guddaa waan qabaniif osoo hin taane vaayirasichi saffisaan babal'ataa waan jiruufi jedhame.

Kun saayintistootni namoota vaayirasichaan faalamuuf carraa guddaa qaban salphaatti akka argataniif kan gargaaruufi talaalliin UKtti qophaa'e kun ni hojjetamoo hin hojjetu adda baasuufis gargaara jedhame.

Yaalii wal fakkaataan UK keessattis gaggeeffameera. Garuu biyyichatti facaatiin vaayirasichi haalaan gadi bu'aa jira.

Dabalataan Biraazil keessattis yaaliin talaallii kun namoota 5000 tahaniif kan kennamu taha.

Yuunvarsiitiin Wiits talaalliin furmaata guddadha jedheera. Dhukkuboota lubbuu namaa huban dhaabuufis meeshaa guddadha jedha.

Yuunvarsiitichi lubbuu Covid-19 badu oolchuuf qorannoo barbaacha talaallii irratti yuunvarsiitii Oksifoordi waliin ciminaan hojejchaa tureera.

Talaallii kennuun dura Afrikaa Kibbaa keessatti qorannoo hedduun gaggeeffameera. Kanaanis Bulchiinsa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Qorichotaa Afrikaa Kibbaa fi Koree Qorannoo Naamusaa Fayyaa Namaa yuunvarsiitii Wiitwaterstiraandiin mirkanaa'eera.

Kanaanis karaa Ministera Qonnaa, Bosonaa fi Qurxummii qorichi argame yaaliif akka biyya galu taheera.

Yaaliin kun namoota 30000 tahaniif Ameerikaatti akka kennamuufis karoorfameera. Uk keessatti namoota 4000 tahan irratti yaalameera. Talaalliiwan kennaman hanga ammaatti bu'aa gaarii kan agarsiisaniifi miidhaa salphaa kan akka mata bo'uufi ho'i qaamaa xiqqoo yeroo gabaabaaf dabaluu agarsiisaniiru jedhame.