Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii fi Qoricha: 'Dexamethasone' qoricha akkamiiti?, Itoophiyaa keessa hagam jira?
Deeksaameetaazoon qoricha wayita ammaa kana xiyyeeffannaa addunyaa hawwatee jirudha. Sababnisaa ammoo dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda'a jedhamuu isaati.
Qorichi kun carraa du'aa dhukkubsattoota Covid-19 meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiranii fi kanneen oksijiinii jala jiranii daran xiqqeessa jedhan ogeeyyiin UK.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) qorsa kanaaf beekamtii kennee jira.
Daayireektarri WHO Dr. Teedroos Adihaanoom, ''injifannoo saayinsaawaa lubbuu baraarudha'' jechuun qoricha du'a sababa Covid-19'n mudatu xiqqeesssu kana leellisanii jiru.
Qorichichi kan gatii baay'ee rakasaa ta'eefi salphaatti argamuu danda'uun ta'uun ammoo daranuu oduu gaarii ta'eera.
Ofii qorichi kun maali?
Deeksaameetaazooniin qoricha bara 1960 irraa eegalee waggoota 45 oliif faayidaarra turedha jedha ogeessa faarmaasii fi Yuunivarsiitii Walaayitaa Sooddootti barsiisaa faarmasii kan ta'e Obbo Shawaaneh Ayyalaa.
Qorichi garee qorichoota 'gilukookortiikooyid' jedhaman jalatti ramadamu kun, Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf ogeeyyiin fayyaa itti fayyadamaa akka turan hima ogeessi kun.
Qorichi kun dhibee Asmii dabalatee alarjiiwwaan adda addaa funyaan irraa eegalee hanga sombaatti darbees gogaa irratti uumaman wal'aanuuf itti fayyadamaa turre jedha Obbo Shawaaneh.
Wayita infeekshiniin adda addaas ta'e wanti alagaa ta'e tokko qaama namaa seenu hormoonotni 'kortiisool' jedhaman kan garee gilukookortiikooyid jedhamu jala jiran qaama namaa keessatti uumamaan argaman qaamni namaa wanta alagaa san akka ofirraa ittisu godhu.
Qorichi kun hormoonota kanaan fakkeeffamee namaan kan dalagamedha jedhu ogeessi kun.
Maaliif oolaa ture?
Alarjiiwwan qaamolee hargansuu funyaanii hanga sombaa jiran dabalatee gogaa irrattilee uumaman maraaf waan itti fayyadamaa turredha jedhe.
Ammatti qorichoonni dhukkuba asmii kan miidhaan dabalataa ykn 'side effect' isaanii irra xiqqaa ta'e waan omishamaniif malee Asmii wal'aanuufillee ni fayyada jedha.
Dabalataan infilaameeshinii ykn wanta gogaa namaa diimessee ykn dhiita'ee qaama namaarratti bahu yaaluufis ni oola.
Akka ogeessi farmaasii Obbo Shawaaneh jedhutti, infilaameeshiniin akkanaa kan uumamu wayita seelonni madinummaa qaama nama wantoota alagaa qaama namaa seenaniin lolanidha.
Qorichi kun seelota madinummaa qaamaa kanneen gadi qabee infilaameeshinii uumamu kana fayyisa jedha Obbo Shawaaneh.
Qorichoonni tajaajila wal fakkaataaf oolan haaraa omishaman gabaarratti hagas mara waan hin argamneef qorichi kun Itoophiyaa keessatti bal'inaan faayidaarra oolaa jira jedha.
Qorichoota garee gilukookortiikooyid jedhaman jalatti ramadaman keessaa dhiyeessiinis ta'e gatiin kan wayyaa qabudha jedha.
Koronaa akkamiin wal'aana?
Qorichi Deksaameetazonii kun dhibee koronaavaayirasiin dhufu wal'aanuuf akka oolu wayita dhagaahe "anaaf oduu ajaa'ibaa natti ta'e" jedha ogeessi kun.
Haa ta'u malee ammoo akka dhibee Covid-19 itti wal'aanuu danda'u yoo ibsu, qorichichi qoricha kallattiin koronaavaayirasii ajjeesu akka hin taane hima.
Qorichi kun duraanis kan itti fayyadamaa turre alarjiiwwan qaamolee hargansuu funyaanii hanga sombaa jiraniifi. Koronaavaayirasiinis qaamolee kanneen kan miidhudha jedha.
Vaayirasiin kun yoo qaama namaa seenee wal horu qaamni keenya akka waan alagaa wayiitti waan ilaaluuf san of keessaa baasuuf haxxiffannaa fi qufa'uun kan uumamu jedha.
Yeroo haxiffannaa kana maashaaleen ujummoo qilleensaa kottoonfatanii akka diriiran taasisa, sun ammoo alarjiin akka uumamu godha jedhu.
Qorichi Deksaameetazonii kun wayita haxiffannaa kana hamma ujummooleen qilleensaa kun kottoonfatanii fi diriiran gadi buusee alarjii uumamus xiqqeessa, yeroos namni haala fooyyee qabuun hafuura baafachuu danda'a jedha.
Gama biraan qorichi kun seelota madinummaa qaamaa ykn 'immunity' qaamni keenya maddisiisu ni xiqqeessa.
Namootni hedduun koronaavaayirasiin kan du'an deebii humnaa olii qaamni namaa vaayirasicha loluuf jecha kennu 'cytokine' jedhamuuni.
Qorichichi seelota madinummaa qaamaa wayita xiqqeessu deebiin humnaa olii kun ni xiqqaata, yeroos wal nyaatinsi ujummoo qilleensaa keessa jiru waan xiqqaatuuf namni sun qilleensa akka gaariitti argachuu danda'a jedha.
Akka kanaan nama koronaavaayirasiin qabamee hafuura baafachuuf rakkatu gargaara malee kallattiin vaayirasicha hin ajjeesu jechuun ibsa.
Miidhaa qabaa?
Qorichoonni garee gilukookortiikooyidii jala jiran marti ajaja ykn hordofii hakiimaan akka fudhataman kan gorfaman ta'uu dubbata ogeessi kun.
Qorichichi "akka malee lafee nyaata" dabalataan ammoo furdinni qaama namaa akka dabalu taasisa jedha.
Kanaaf kanneen yoo furdinni qaama isaanii dabale rakkoof saaxilaman, namoonni dhibee akka dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraafi kaan qaban ajaja hakiimaan ala Deeksaameetazoonii akka fudhatan hin gorfamu jedha.