Falmituun mirga namoomaa Malaalaa Yuusaafzayi yuunvarsiitii Oksifoordii eebbifamte

Malaalaan maatii ishee waliin yeroo gammahuu ishee ibsattu

Madda suuraa, @MALALA

Ibsa waa'ee suuraa, Maalaala Yuusafzai karoorri ishee ammaa 'Netflix, dubbisuufi rafuudha' jette.

Falmituun mirga namoomaa Maalaalaa Yuusaafzayi yuunvarsiitii Oksifoorditti qormaata xumuraashee fudhatte.

Gammachuu isheetti dhagahameefi galata qabdus ibsiteetti. Shamarreen ganna 22 Maalaalaan loltoota Taalibaaniin mataa irra rukutamteeti kan lubbuun ooltee ture.

Maalaalaan yuunvarsiitii Oksifoorditti Ikonomiksii, Filoosoofii fi Siyaasa baratte.

Toora tiwiiterii ishee irrattis fuulduratti maaltu akka tahu hin beeku, ammaaf fiilnii Netflix, dubbisuu fi rafuu qofadha jette.

Malalaan loltoota Taalibaaniin kan rukutamte ijoolleen dubaraa barachuu qabu jettee waan dubbataa turteefi.

Mana barumsaa irraa gara manaatti osoo gala jirtuu loltoota Kanaan morma, gateettii fi mataa isheerra rasaasaan rukutamte.

Kunis bareeffama gabaabaa jireenya finxaalessitoota jalatti jedhu erga barreessiteeti.

Malaalaan erga miidhama isheerra gaherraa bayyaannattee gara Uk magaalaa Birmingaamitti deeman.

Bara 2014 malaalaan umurii waggaa 17'n seenaa keessatti dargaggeettii jalqabaa umurii xiqqaan badhaasa Noobelii nagaa mo'atte taate.

Waggaa sadii booda yuunvarsiitii Oksifoordi mooraa Margarettitti akka barattuuf simatamte.