Tiraampi tasa Afgaanitti argamanii looltoota biyyattii achi jiran doowwatan

Pirezidaanti Tiraampi lolotoota US wayita tajaajilan

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin Donaaldi Tiraampi osoo hin beeksiisiin loltoota biyyattii Afgaanisitaan keessatti argamaniif dowwannaa taasisaniiru. Kunis seenaa keessaatti ayyaana galateeffannaa (thanksgiving) tiif yoo garas imallu kan jalqabaati jedhameera.

Tiraampi wayita yeroo gabaabduuf dirree qilleensaa Baagraam'tti mullateetti, loltootaaf nyaata kan dhiyeessan ta'u suuraa maxxansaniiru.

Kana maleess Pirezidaantii Afgaanistaan waliin marii taasisuufi taalibaanoota waliin waliigaltee taasiuu akka barbaadan' looltootatti himaniiru.

Mr Tiraampi gara Afigaanistaan wayita imalan kun kan yeroo jalqabaasaanii yoo ta'u, Pirezidaantii biyyattii Asharaaf Gaanii waliin marii wal arganiiru.

Loltoonni Ameerikaa kuma 13 ta'an Afigaansitaan keessatti kan hafan yoo ta'u, kunis erga Ameerikaan Taalibaanoota balleessuuf alleellaa gaggeessuu eegaltee bara 2001 kaasee waggoota 18 ta'eera.

Dowwannaan Tiraampi kunis erga wal jijjirran hidhamtootaa Taalibaan waliin taasisuun marii nagaa taasissuuf kaayyeefameen boodadha.

Ameerikaa erga Taaliibaan hayyoota warra Awuroppaa lama kanneen waggoota afuriif to'attee turte bilisaan gadhiisuun ishee ni yaadatama. haaluma walfakkaatunis Ameerikaanis hidhattoota sadii Taalibaaniif gadhiifte jirti.

''Wayita Taalibaanoota waliin mari'anneetti waliigalte dhukaasa dhaaburra gahuuf turree. Isaan garuu hinbarbaannee. Amma garuu garuu waliigaltee dhukaasaa taasisuuf barbaadaniiru,'' jechuun dubbataniiru Tiraampi.

Mariichi hangam akka daandii qabate kan beekamu hinjiru.

Aanga'oonni Afigaansitaan yeroo hedduu Taalibaan waliin waliigaltee dhukaasa dhaabu irra gahuuf yaalaa turunsaanii ni yaadatama. Bara 2001'tti naannoolee aaliibaan keessaa baasuun danda'amee caalaa kan ammaa to'atanii jiran ni baayyata.

Taalibaan Ameeriikaa waliin waliigaltee irraa yoo hingahamne ta'e, aanga'oota Afigaanistaan waliin mari'achuuf fedha hinqaban.

Aanga'oonni Taalibaan ammoo tobaan darbee kaasee Dohaa keesstti aanga'oota Ameeriikaa waliin marii tasisaa jiraachusaanii kan mirkanneessan yoo ta'u, garuu Rooyitarsi akka gabaaseetti mariichi hineegale jedheera.

Mr Tiraampis lakkoofsa loltoota Ameerikaa Afgaanistaan keessatti argaman gara 8,600 tti gad hirrisuuf karoora qabaachu himulleen, loltoonni kunneen yoom akka bahan ilalchise wanti jedhan garuu hinjiruu. ''Hanga waligaliitteerra geenyuutti ykn hanga gutummaatti mo'annuutti ni turra, waliigalterra gahamu ammoo cimsanii barbaadu,'' jechuun dubbataniiru.

Pirezidantichi gargaartoota hedduu waliin gara Afgaaniitti imalanis, loltootaaf nyaata foonii dhiyeessuun irbaata galata kennaa erga waliin soorataniin booda suuraa ka'un maxxansaniiru.