Joon Booltan: Kitaabni haaraan gorsaa nageenyaa duraaniin barraa'e Tiraamp saaxile

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp filannoo marroo lammataa injifachuuf pireezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing irraa gargaarsa gaafataniiru jechuun kitaabne gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii Joon Booltan saaxile.

Tiraamp Chaayinaan omishaalee qonnaa qonnaan bultoota Ameerikaa akka bittu barbaadu jedhan Obbo Booltan, akka kitaaba isaanii keessatti barraa'etti.

Itti dabaluunis Tiraamp akkamitti 'White House' hogganuu akka qaban surumaa hubannoo hin qaban jechuun qeeqa.

Bulchiinsi Tiraamp kitaabichi maxxanfamee akka hin baane ugguruuf yaalii godhaa jira.

Donaald Tiraamp 'Fox News'tti akka himanitti, wanti Booltan barreesse "iccitii biyyaati, maxxansuuf hayyama hin qabu, seera cabseera" jedhan.

"Nama gatame, amma booda faayidaa hin qabnedha, carraa kenneefiin ture" jechuunis gorsaa nageenyaa isaanii duraanii ibsan.

Joon Booltan bara 2018 ture Waayit Haawus kan seene. Bara itti aanu Fulbaana keessa fedhii isaatiin aangoo gadi dhiisuu hime.

Pireezidanti Donaald Tiraamp garuu yaada isaatiin waan walii hin galleef 'nan ari'e' jedhanii ture.

Kitaabni haaraan fuula 577 qabu mata duree 'The Room Where It Happened' jedhuun barraa'e Waxabajjii 23 gabaarra oola.

Haa ta'u malee Roobii darbe Waajjirri Haqaa manni murtii kitaabicha akka ugguru ajaja ariifachiisaa gaafatee jira.

Dhaabbanni kitaabicha maxxansu ' Simon & Schuster' gaaffiin Waajjira Haqaa kun fedhiin siyaasaan kan dhiyaate akka ta'e beeksiseera.

Kitaabichi kuma hedduun lakkaa'amu guutuu addunyaatti raabsamuus himeera.

Filannoo Sadaasa dhufuu irratti Tiraampiin kan morkatan Joo Baayidan, "wanti kitaabicha keessatti jedhame dhugaa taanaan, pireezidantichi itti gaafatamummaa uummata Ameerikaan itti kenname cabsaniiru jechaadha" jedhan.

Boltan maaliin Tiraamp himatan?

Walgahii biyyoota Garee 20 Jappaan Osaakaatti Waxabajjii bara darbe taasifame irratti pireezidanti Shii Jiinpiing waliin kan wal argan Donaald Tiraamp filannoo akka irra aanan deeggarsa gaafataniiru jedhu Booltan.

"Haala nama ajaa'ibuun marii gaafasii waa'ee filannoo Ameerikaa 2020 taasisan, Chaayinaan humna diinagdee qabduun filannicha akka injifatan akka gargaartu deeggarsa gaafatani," jechuun barreessan.

Chaayinaan omishaalee qonnaa Ameerikaa akka qamadii bituun barbaachisumaa filannoo injifachuuf qabu irratti xiyyeeffatanii dubbataa turani jedhu.

Filannoo bara 2016 irratti qonnaan bultoonni hedduun Tiraampiif sagalee kennan.

Wa'ee walitti daldaluu omishaalee qonnaa kana aanga'aan olaanaa Daldalaa Ameerikaa sobadha jedhan.

Gama kaaniin kolleejjiiwwan Chaayinaan muslimootaa fi kanneen saboota xixiqqoo ta'an keessatti uggurtee akka ilaalcha isaanii jijjiiran gootuf Tiraamp deeggarsa mul'isaniiru jechuun yakkan Booltan.

Bulchiinsi Tiraamp waan kana uummata duratti balaaleffataa ture. Inumaa dhimma kanaan wal qabatee Chaayinaara qoqqobbii kaa'uuf pireezidantichi ajaja dabarsanii turan.

Chaayinaan komii gama kanaan irratti dhiyaatu waakkataa turte.

Sochiin pireezidant Tiraamp aangoorraa kaasuu ji'oota darbee sun osoo silaa Yuukireen qofarratti xiyyeeffachuu baatee itti bahi isaa adda ta'a ture jedha kitaabni Booltan.

Kitaabichi badi pireezidantichi raawwataniiru jedhu kan maqaa pireezidanticha faalan kaanis qaba.

Kanneen keessaa tokko pireezidantichi UK'n meeshaa niwukileeraa akka qabdu hin beeku ture kan jedhudha.

Walgahii bara 2018 ture tokkorratti Tiraamp dubbii aanga'aa UK tokko harkatti qabanii 'ahaa meeshaa niwukileeraa qabduu?' jedhanii gaafatan jedha.

Veenzuweelaa weeraruun 'yaada bareedaa' ta'uu, lola afgaanistan ilaalchisee ammoo 'nama wallaalaa Joorji Bush jedhamutu kana godhe' jechuun isaaniis kitaabicha keessatti barraa'ee jira.

Gorsitoonni fi Waayita Haawus keessatti namoonni isaan waliin hojjetan gammachuu akka hin qabnee fi bahuu akka fedhan Booltan barreessaniiru.

Kanneen keessa tokko nama Tiraampiif amanamoodha jedhaman ministira haajaa alaa Maayik Poompiyoo tokko ta'u himan.

Tiraamp biyya guddoo akka Ameerikaa haa hafuuti Waayit Haawus akkamiin akka hogganuu qaban nama beekan miti jedha kitaabichi.