Mormii farra-sanyummaa: Mormitoonniifi poolisoonni magaaloota Landaniifi Paaris keessatti walitti bu'an

Paarisitti mormitoonni poolisii waliin yeroo waltti bu'an

Madda suuraa, AFP

Mormiin miidhaa gur'aachotarra ga'aa jiruufi farra sanyummaa Ameerikaatti dhohee biyyattii waliin gahe gara Awurooppaattis ce'uun magaaloota adda addaa keessatti mormitoonniifi poolisoonni daandiirratti walitti bu'aa jiru.

Magaalaalee gurguddoo biyyoota Awurooppaa akka Landaniifi Paariis keessatti mormitoonni Sanbata hiriira bahuun poolisoota waliin walitti bu'aniiru.

Magaalaa Paaris keessatti hiriirtota 15,000 ta'u jedhamuun tilmaamamee daandiitti bahuun mormii dhageessisaa turan. Poolisiin ammoo momitoota dhakaa isaanitti darbatanitti haara imimmaanessu dhukaasaniiru.

Yeroo ammaa kana biyyattii keessatti hiriirri dhorkaa ta'us, dhaadannoo Ameerikaatti 'Black Lives Matter' jedhuun gara warraaqsa guutummaa addunyaatti ce'aa jiruu kana deeggaruun dhorkaa cabsuun hiriira bahaniiru.

Dhaadannoo mormitoonni Paarisitti hiriira bahan dhageessisan keessaa "Haqni yoo hin jiraanne, nagaan hin jiru," kan jedhu tokko ture. Mormitoota keessaa tokko tokkos siidaa, 'Marianne' kan akka kallacha Rippabilika Firaansitti ilaalamu gubbaa bahuun mormii isaanii dhageessifataa oolan.

Mormitoota Paaris keessaa tokko obboleetti Adaamaa Tiraaworee kan bara 2016 keessa miidhaa poolisiin irraan ga'een mana hidhaa keessattti du'eedha.

"Wanti Ameerikaatti ta'aa jiru Firaansi keessattis ta'aa jira. Obbolaan keenya du'aa jiru," jetti Assaa Adaamaa.

Poolisoonniifi mormitoonni yeroo wal dura dhaabbatanitti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonniifi mormitoonni yeroo wal dura dhaabbatanitti

Magaalaa Landan walakkaatti ammoo sababa Covid-19tiif ammam dhorkaan jiraatullee mormitoonni kumaatamaan lakkaa'aman daandiitti bahuun poolisootarraan miidhaa geessisaniiru.

Poolisoonni daandiirratti mormitootaan reebamuufi dhiitamuu erga arganii booda, Ministirri Muummee UK Booris Joonsan, "hokkarri sanummaa daandiiwwan keenyarratti bakka hin qabu," jedhaniiru.

Mormiin naga qabeessa ta'e magaalaadhuma Landan bakka gara garaafi guutummaa UK keessatti gaggeefamaa ooleera.

Poolisiin magaalaa Landan daangaawwan tokko tokko akka hiriirri 17:00 BST dursee xumuramuu qabu garee mormitootaa itti fufuu barbaadanirra kaa'eera.

Haata'u malee, walakkaadhuma magaalaa Landan keessatti erguma sa'aatiin daangeffamee boodallee gurmuun mormitoota daandiirratti hafaniiru.

Mormitoota paarlaamaa UK fuulduratti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoota paarlaamaa UK fuulduratti

Yeroo mormiin gaggeeffamaa turettis namoonni mormiif bahan 100 ol ta'an magaalattii keessatti to'atamuu isaanii damee poolisii Iskootlaand Yaard beeksiseera.

Namoonni to'ataman kunneen yeroo hiriirarra turanitti warra poolisiirra miidhaa geessisan, warra hokkara gara miidhaa qaqqabsiisuutti oofaniifi meeshaa qabatanii turanidha jedhameera.

Akka poolisiin magaalaa Landan beeksisetti, poolisoonni ja'a miidhaan xiqqaan irra gaheera.

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan fuula tiwiiter isaaniirratti: "Hokkarri sanummaa daandiiwwan keenyarratti bakka hin qabu. Namni kamiyyu poolisii miidhu yoo jiraate seeraan sirriitti gaaftaama.

"Hiriirawwaniifi mormiiwwan kallattii isaanii gadhiisaniiru. Hokkaraafi miidhaa geessisuutti jijjiirameera. Qajeelfama sababa [weerara Covid-19] bahee jirus cabeera. UK keessatti sanyummaan bakka hin qabu. Kana waan ta'eefis, waliin taanee hojjechuun kana dhugoomsuu qabnas," jedhan.

Poolisiifi mormitoonni yeroo fuulaafifuulatti alitti bahan

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Police are confronted by protesters in Whitehall near Parliament Square

Caamsaa 25, 2020 poolisii adiin nama gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyid jedhamu haala suukanneessaan erga ajjeesee booda hiriirri mormii dhoyee kutaalee US walga’e, darbees addunyaarratti babal’ate kun Landan dabalatee siidaawwan bebbekamoo akka mormitootaan diigamanis taasisaa jira.

Yakki nama gurraacha tokkorratti raawwate akka jibbiinsa sanyiitti fudhatamuun hiriirri jibbiinsa sanyii mormu hanga yoonaa itti fufeera.

Wayita hiriira mormii kana siidaawwan seenaa bara ‘Daldala garbaan’ walqabatan qaban hedduun haleelamaniiru, kaan qiyyaafannoo keessa galaniiru.