Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Haala amma jiruun guddinna dinagdee bara dhufuu % 8.5 tilmaamuun ni danda'amaa?
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'ii idileesaa 16ffaa Kamisa Caamsaa 11, 2020 gaggeeffateen wixinee bajata bara dhufuu irratti mariyateera. Bajatni bara dhufu kanaaf ni ramadama jedhamee eegamus Birrii Biiliyoona 476.1 'tti siqa jedhameera.
Akka wixinee bajataa kanatti Birriin Biliyoona 176 naannoleedhaaf kan ramdamu yoo ta'u, mootummaa federaalaaf ammoo Birrii Biliyoona 133 baasii idileetiif, Birrii Biliyoona 160 baasii kaappitaalaatiif ramdama jechhuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Wixinee bajataa ilaalchisuun ibsa bakka bu'oota ummataaf kan kennan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidee, bara bajataa itti aanutti Itoophiyaatti guddinni dinagdee %8.5 ni jiraata jedhan.
Bara darbe yeroo kana keessa Itoophiyaatti guddinni dinagdee % 9 nii eegame jedhamee ture.
Weerarri koronaavaayirasii dinagdee biyyoota addunyaa haalaan miidhaa jira. Dhiibbaa dhibeen kun dinagdee biyyoota addunyaarratti qabaachuu malus waggootaaf ta'uu baatus baatiiwwan baay'eef kan turu akka ta'us himamaa jira.
Dhugaan jiru kana ta'ee osoo jiruu dinagdeen Itoophiyaa hanga Kanaan carraan guddina agarsiisuu danda'a jechuun wal farmsiisaa jira.
Bajata bara dhufuufi guddina dinagdee eegamu ilaalchisee BBCn yaada ogeessonni dinagdee Alamayyoo Gadaa (PhD)fi Obbo Waasihun Balaay qaban gaafateera.
Obbo Waasihun bara baajataa darbe kana dhiyaatee kan ture Birrii Biliyoona 386.9 waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu kan bara dhufuu kun caalmaa guddaa kan qabu fakkaatullee, bajanni dabalataa jiraachuu mala jedhu. Baajatni bara darbee osoo hin xumuramiin mootummaan baajta dabalataa Birrii Biliyoona 28 raggaasisuu isaa yaadachuun barbaachisaadha jedhu ogeessi dinagdee kun.
Lakkoofs guddina dinagdee bara baajataa dhufuu ministeerri maallaqaa dhiyeesserrattis ogeessonni dinagdee gaaffii kaasaa jiru.
"Yeroo weerarri Covid-19 dinagdee addunyaa gatantarsaa jiruufi guddinni biyoota hedduu ammoo akka gadi deemu tilmaamamaa jirutti, guddina %8 ol ta'e eeguun rakkisaadha," jedhu Alamaayyoo Gadaa (PhD).
"Tarii kan ministeerri maallaqaa guddina dinagdee bara dhufu ni milkaa'a jechuun dhiyeesse dhiibbaan weerarichi geessisuu malu ilaalcha keessa kan hin galchine ta'aa?" jechuun gaafatu.
Weerarri kun kurmaana jalqabaa bara baajtaa dhufuu (Adoolessaa hanga Fulbaanaatti) dinagdee Itoophiyaa ni miidha.
Ogeessi dinagdee kun qorannoo dhiibbaa dinagdee weerarri Covid-19 geesisu qorataniiru.
Akka qorannoo isaanii kanattis, dinagdeen sababa weerara Covid-19tiin %5.6 hir'achuu mala. "Kan jechuun guddina %8.5 jedhame milkeessuudhaaf miidhaa weerarichi dinagdeerraan gahu ida'uudhaan walumaa galatti guddina %14tu eegama akka jechuutu," jedhu.
Guddina kana fakkaatu galmeesisuun ammoo carraan isaa baayyee dhiphaadha jedhu.
Gabaasni ministirri maallaqaa miidhaa weerarri kun geessise of keessatti kan hin qabanne ta'e gudinni jiraatu %3'tti kan dhiyaatu ta'a akka tilmaamaasaaniitti.
Obbo Waasihuun akka jedhanitti ammoo miidhaan weerarri kun fidu Itoophiyaarrattillee dhiibbaa kan qabu ta'us hanga ammaatti tatamsa'inni vaayirasichaa baay'ee guddaa ta'uu dhabuusaarraa kan ka'e al-ergiin bunaafi kkf irratti fedhii jiru hir'atuu dhabuun waan gaariidha jedhu.
Miidhaan weerarri kun kan yeroo dheeraaf turuu danda'u akka ta'e kan soda qaban Dr Alamaayyoon, miidhaan weeraarri kun diinagdeerratti fidu ji'oota sadan qofa jedhanii salphisanii yaaduun hawwii hin ta'iin malee gaariidha," jedhu.
Tilmaamni dhugaatti dhiyaatu garuu dhiibbaan weerarri kun diinagdeerratti geessisu "xiqqaadha yoo jedhame ji'oota jahaaf kan turudha. Kana jechuunis hamma ji'a Muddee kan turu ta'a," jedhu Dr Alamaayyoon.
"Biyyoota guddataa jiranitti guddinna ol'aanaa galmeesiisuun waan nama ajaa'ibu miti," kan jedhan Obbo Waasihuun, kanaan wal qabatee bara bajataa haaraatti guddinna % 8.5 ni galma'aa jedhamuun waan nama raajuu miti jechuun himaniiru.
"Bajata guddaa ramaddee hojiilee bu'uraalee misoomaa qofarratti xiyyeeffachuunuu guddinna waliigala biyya keessaa (GDP) akka guddatu taasisa," jechuun sababoota guddinaa ta'an eeru Obbo Waasihun.
Dr Alamaayyoo Gadaa tarkaanfiwwan mootummaan Itoophiyaa diinagdee tasgabbeessuuf fudhatu ni dinqisiifatu. Kana caalaas akka hojjatu ni gorsu.
Gama biraatiin, mootummaan akka biyyoota biroo sochiilee diinagdee guutummatti cufuun Itoophiyatti inni kun akka hin hojjanne beekee hojiileen hojjatamaa of eeggannoon akka fudhataman godhuun gaarii ture jedhu.
"Namoonni fayyummaasanii waajjira jiranitti eeggamaafi diingdeen akka socho'u godhuun waan gaariidha."
Gama biraatiin, seektaroota weerara kanaan miidhamaniif deeggarsa taasisuufi wantota barbaachisaniif dhiheessuun hojjachuun gaariidha jedhanii yaadu.
Namoonni miiliyoona sadii ol ta'an ofiisaaniitiif, mursaani ammoo maatiisaanii dabalatee warra bulchan, "deeggarsi mootummaa isaan bira hin geenye," jedhu.
Baasiin namoonni kunneenii inni guddaan kiraa waajjiraalee ta'uusaatiin tarkaanfii hir'ifama kaffaltii fedhii namoota kireessaniirratti hin hundoofne fudhatamuu qaba jedhu.
Mootummaanis kaffaltii kiraa hamma ta'e akka kaffalu taasisuun tarkaanfii ittiin deeggaran isa biraa ta'uu danda'a jedhu Dr Alamaayyoo Gadaa.
Guddina diinagdee Itophiyaan waggaa itti aanutti qabaachuu dandeessu Obbo Waasihuun yoo tilmaamaman, "hangi hojjettu hamma karoorfatteedha. Mootummaan gaafa kana kaa'uu waan tattaaffiisaa kaa'ee natti fakkaata," jedhu.