Namni shamarree Haayimaanoot ajjeesuun shakkame to'atame jedhe poolisiin

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Hospitaalaa Xiqur Ambassaatti osoo qorannoo hojjechaa jirtuu haala sukkaneessaan Waxabajjii 18 ajjeefamtee kan argamte Hayimaanoot Badhaadhaa nama ajjeese jedhamee shakkame to'annoo jala oolchuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Namni poolisiin ajjeechaa kana raawwateera ittiin jedhe jiraataa magaalaa Arbaa Miinci umuriin isaa digdamoota keessa jiru yoo ta'u maqaan isaa Dagginnat Warquu jedhamudha.
Namni kun kaleessa galgala naannoo sa'aa tokkootti hordoffii poolisiin tika Biyyaalessaa waliin taasiseen qabame jedhame.
Qorannoo hanga halkan walakkaatti poolisiin gaggeessaan ture jedheen namni ajjeechaa kana raawwate Haayimaanoot waliin kan wal hin beekne ta'uu himeera jedha.
Dargaggoon ajjeechaa kana rawwate' barataa kutaa 12'ffaa akka ta'eefi qoricha HIV argachuuf qorannoorraa waan jiruuf hakiimoonni Xiqur Ambassaa gargaarsa akka godhaniif gaafachuuf jecha yeroo garaagaraatti mooraa Hospitaalichaatti marmaaraa akka ture polisiitti himeeraa jedha gabaasni EBC.
Wiixata darbees akkuma amala isaa mooraa galee maallaqa waan dhabeef aalbee harkatti baateen biiroowwan hospitaalicha keessa laptooppii ykn bilbila yoo argate hatee gurgurachuu yaaduun osoo socho'uu kutaa Hayimaanoot keessa turte lixuu ibseeras jedha EBC'n Komishinii Poolisii Finfinnee waabeffachuun akka gabaasetti.
Haayimaanotiin bilbila ishee akka kennituuf gaafatee isheen didnaan humnaan harkaa fuudhuuf waldhaansoo yoo qabu aalbee qabatee tureen waraanee qabeenya ture fudhatee sokkuu amaneera jedha gabaasi poolisii.
Shakkamaan ajjeechaa kana raawwachuu amanu kun Laaptooppii, moobaayila, Paaspoortii fi cheekii fudhatee naannoo Eekkaatti shofeera baajaajii tokko waraqaa eenyummaa waan hin qabneef qarshii kuma shan cheekirra jiru kana naa baasi jechuunii Poolisiin gabaaseera.
Poolisiin namoota 12 kan biroo Haayimaanoot waliin hariiroo qabuu jedhee shakkerratti qorannoo dabalataa gochaa akka jiru daayireektoreetiin qorannoo yakka ajjeechaa naaf ibseeraa jedheera EBC'n.
Qorannoo kana keessatti cheekiin qarshii kuma shanii abbaan Haayimaanoot Obbo Badhaadhaan ji'a lama dura kennaniif galtee guddaa akka ta'ees eerera poolisiin.
Kaameraan sekuuritii Hospitaalichaa 'update' waan hin godhamneef hojii dhaabee akka tureefi sakattaan eegdotaas nama albee qabate kan hin saaxillee ta'uunis ibsameera.
Shamarreen kun Kibxataa Caamsaa 26, 2020 sa'aatii 11 irratti reeffi ishee kutaa laaboraatoorii hospitaalichaa keessatti argamuu Komiishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Guyyaa tokko dura Wiixata mooraa hospitaalichaa keessatti laaboraatorii gamoo bulchiinsaarratti argamu keessatti qorannoo gaggeessaa bakka turtetti, haala suukanneessaa ta'een, meeshaa qara qabuun waraanamtee ajjeefamuushee hime poolisiin.
Haayimaanot eenyu turte?
Maatiin shamarree Haayimaanot Badhaadhaa Magaalaa Adaamaa ganda Gooroo jiraatu.
Waggaa torba dura kan iddoo duraan jiraachaa turaniifi bakka dhaloota Hayimaanoot magaalaa Matahaaraa irraa gara Adaamaa galan.
Abbaan Hayimaanoot Obbo Badhaadhaa Fayyisaa, intalli isaanii Yunivarsiitii Miizaan Teeppii irraa A.L.I bara 2009 muummee barnoota Kilinikaal Faarmasitiin qabxii olaanaan eebbifamtee barsiisummaan achumattii qaxaramtee akka turte himu.
Boodas digirii lammaaffaa ishee hojjechuuf gara Xiqur Ambassaa seenuu BBC’tti himan.
‘’Barnoota ishee digirii lammaffaa bara 2010 irraa eegaltee bara kana ji’a Waxabajjii keessa eebbifamuuf 'research' ishee deddeebi’aa hojjechaa turtee,’’ jedhu Obboo Badhaadhaan.
Kutaa tokkoo kaastee hanga yuunivarsitii galtuutti tokkoffaa bahaa turte jedhu cimina intala isaanii yoo ibsan.
Haayimaanoot guyyaa gaafa Wiixataa Laaptooppii fi moobayila ishee qabattee hojii qo’annoo ishee hojjechuuf gara Laaboraatoorii muummee Faarmasii mooraa Xiqur Ambassaa jiruutti imaluu ishee obbo Badhaadhaan gaddaan guutamanii dubbatu.
‘’Naannoo sa’aa shaniitti bantuu laaboraatoorii faarmaasii advaayizara (gorsaa) ishee maqaa isaa amma hin beeknerraa fudhattee seente, namootni hin beekamne itti seenanii mucayyoo kiyya na jalaa ajjeesanii, qalanii. Morma na jalaa gorra’ani akka horiititti,’’ jedhu.
Mucaan isaanii ‘’hospitaala beekamaa akka biyyaatti hin jira jedhamu’’ keessatti haala sukkaneessaa ta’een akkanaan ajjeefamuun ishee hedduu akka isaan gaddisiise himan.
Laaptooppiin, bilbilli moobaayilaafii cheekiin qarshii 5,000 ji’a lama dura kennaniifi ture fudhatamuu Obbo Badhaadhaan BBC'tti himaniiru.
Cheekii saniin baankii irraa maqaa nama biraatiin maallaqni sun baasii godhamuus himu.
Du'a ishee akkamiin dhagahan?
Haayimaanoot Wiixata erga manaa baatee manatti osoo hin deebi’iin buluu ishee obboleettiin Haayimaanoot bilbilaan obbo Badhaadhaatti himti.
Obbo Badhaadhaan tarii hirriyoota ishee bira deemtee bulte jennaanis lakki achi hin deemne jedhaman.
Osoo kanaan jiranii damee baankii maallaqichi irraa baafame irraa bilbilli bilbilamee Haayimaanotiif cheekii birrii 5,000 kennitaniittuu jedhamanii gaafatamuu yaadatu.
Isaaniis eeyyen jedhani mucaan isaanii nagaan lubbuun jirtii jedhanii abdii horatan.
Booda obboleettiin Haayimaanoot lakki waan kana sirriitti hordofaa jennaan gara baankichaa deemanii yeroo gaafatan namni biraan maallaqa cheekiirratti barraa’e gara maqaa ofiitti naanneffatee maallaqichi baasii godhamuun beekame.
Rakkoo kana Poolisittii gabaasuuf isaan imallarra jiranii, obboleettii Haayimaanotitti gorsaan Haayimaanoot bilbila bilbiluu dhagahan.
Gorsaan Haayimaanoot, balballi laaboraatoorii cufaa ta’uu fi ifaan banaa akka jiruufi Hayimaanot furtuu akka hin deebisneef obboleettitti himan.
Obbooleetiin ishees gara jirtu akka hin beekne itti himti jedhu obbo Badhaadhaan.

Intala isaanii kan biroo kana waliin gara Xiqur Ambassa deemanii hanga poolisiin qaqqabu erga eeganii booda balballi bantuu biraan yoo saaqamu reeffa intala isaanii argu himu.
''Yoo bananii laalan mucayyoo kiyya mormi qalamee, dhiigni lafarratti gadi jigee, isheenis duute ture.’’
‘’Hospitaala guddaa kana keessatti intalli koo akkamitti akka qalamte, eenyu fi maaliif akka qalamtellee hin beeku,'' jedhu.
''Mucaan koo siyaasa keessa hin jirtu''
‘’Mucaan koo nama siyaasaa miti. Anis nama siyaasaa miti. Hojjetaa mootumaan ture,'' jedhanii, hojii mootummaa dhiisanii amma mana kuusaa qorichaa qabaniin maatii isaanii akka bulchaniis dubbatu.
''Intalli koo qabxii guddaadhaan eebbifamtee Yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti qacaramtee, yeroon na xoorti jedhee abdadhetti na jalaa qalamte,’’ jedhu.
‘’Biyya nagaa keessatti nama dhiiga mucaa koo dhangalaasee ajjeese kana mootummaan akka adda naa baasuun gaafadhaas,’’ jedhu.
Obbo Badhaadhaan maqaa nama 'endorsement' ykn maqaa naanneffachuun maallaqa intala isaaniif kennanii turan baafatee fi ragaalee kaaniis poolisiif dabarsanii kennuu himanii, nama ishee ajjeesa jedhanii shakkanillee akka hin qabne ibsan.
Namni intala isaanii ganna 28 ajjeese rakkoon isheen uumtellee osoo jiraatee, poolisiitti himachuufi isaan qunnamuu osoo danda’uu maaliif akka ajjeefamte hiibboo itti ta’uullee himan.

‘’Erga hojii qabattees mindaa isheerraa abbaa kiyya na jalaa miidhamte jetteet qarshii naa ergiti,’’ jedhu.
Amala gaarii qabduun hawaasa naannoo biratti akka beekamtuu fi ‘’nama hin loltu, namatti hin dubbattu, ol jetteellee nama hin ilaaltu’’ jedhu.
Obboleessi ishii injinar Taaddasaa Badhaadhaa ajjeechaan obboleettii isaarra gahe kun akkamiin akka raawwate wanti beeknu hin jiru jedha.
"Hospitaalli Xiqur Ambassaa hospitaala mootummaati, hospitaala kana keessatti wanti akkanaa raawwatamuun baay'ee nu gaddisiisee jira."
Mootummaan waan hospitaala kana keessatti raawwate kana karaa jiru hunda akka qoratu gaafanna jedhe.
Hayimaanot mana isaaniif mucaa lammataa akka taate kan himu injinar Taaddasaan, waliin akka guddataniifi isaafi maatii kaanis akka gargaaraa turte hima.
"Kana booda abbaan koos waan nama ta'u natti hin fakkaatu, haatis akkasuma. Ishee dhabuu keenyaan rakkoo guddaa keessa seennee jirra."
"Gadda guddaatu nutti dhagaahame, nama biraarra wanti akkanaa akka gahu hin barbaannu," jedha.
Haayimanoot nama gaarii fi barattuu cimtuu akka turtellee dubbata obboleessi.















