Koronaavaayiras: Kaampii baqattootaa addunyaa guddaatti namoonni Covid-19 qabaman

Madda suuraa, Getty Images
Baqattoonni Roohingaa lama kaampii baqattootaa guddaa addunyaa Baangilaadishitti argamu keessatti koronaavaayirasiidhaan qabaman jedhan qondaltonni.
Kaampii baqattootaa namoonni Roohingaa miiliyoona tokko keessa jiraatan keessaatti kunneen namoota jalqabaa Covid-19 qabamaniidha.
Qondaaltonni BBC’tti akka himanitti adda baafamanii yaalamaa jiru. Baqattoonni 1,900 ta’an qorannoodhaaf adda baafamaniiru.
Kaampii baqattootaa isa guddichaa biraa Giriikitti argamu keessaa qondaaltonni namoota saaxilamoo ta’aan 1,600 gara biyya biraattti erguufi.
Baqattoonni lama torbee kana odola Giriikii Leesboos gahanii turan lama eega Covid-19 qabaman booda adda baafamaniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa adda addaa balaa koronaavaayirasiin baqattoota Roohingaa walitti baay’atanii fi hanqina bishaan qulqulluu hin qabnerra geessisuu danda’u akeekkachiisanii turan.
“Eega vaayirasichi kaampii baqattootaa guddicha seene booda namoonnni kumaatamaan laakka’aman sababa Covid-19 du’uu maluu,” jedhan daayirektarri ‘save the Children’ dame Baangilaadish kan ta’an Dr Shamiim Jahaan
Daayirektarri ‘International Rescue Committee’ Maanish Agrawaal iskuweer kiiloo meetirii tokkorratti baqattoonni 40,000 – 70,000 jiraachaa turuusaanii ibsu.
Isaanis carraa baqattoonni koronaavaayirasiidhaan qabamuunsaanii ol’aanaa akka ta’e himu.
Roohingaan eenyu fa’a?
Roohingaa saboota Maayinaamaar keessa jiraatanii fi dhiibbaa jalqaba bara 2017 irra gaheen lakkoofsisaanii gara miiliyoona tokkotti gad bu’edha.
Isaanis eega Hagayya 2017 haleellaa irratti raawwatame booda gara Baangilaadish kan baqachuu jalqabani.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














