Sirna Gadaa: Abbaan Gadaa aangoorra jiru yoo du’e aangoon akkamittii darba?

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Caasaa Gadaa Maccaa keessaa Tokko kan ta'e Gadaan Jimmaa kan Odaa Hullee jalatti bulu erga adda citee, duudhaa sirna Gadaatiin aangoo waliif daddabarsanii walbulchuun hafee ganna 239'f adda cite ture.
Odaan Hullee, bakka Gadaan Jimmaa Seera itti tumatu kuni godina Jimmaa aanaa Oomoo Naaddaatti argama.
Akka itti gaafatamaan waajjira aadaa fi Turizimii aanichaa Obbo Amiin Kamaal jedhanitti caasaa sirna Gadaa Jimmaa kan Odaa Hullee kana deebisanii ijaaruuf bara 1983'tti yaaliin taasifamee ture garuu fiixa hin baane ture.
Yaaliin kuni milkaa'ee Odaan Hullee deebi'ee caasefamni sirna Gadaa isaas diriiree hojii kan jalqabe garuu bara kana jalqabarratti ture.
Gadaa Jimmaa kana deebisanii ijaaruu keessatti namni gahee guddaa bahataniifi Fulbaana 15 bara 2012 ammoo Abbaa Gadaa Jimmaa ta'uun kan filataman Abbaa Gadaa Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa dhibee isaan mudateen Caamsaa 01 bara 2012 du'aan Boqotan.
Abbaan Gadaa kuni Ardaalee jilaa saddeettan godinichi qabu deebisanii ijaaruudhaan Gadaan Odaa Hullee akka cimuuf nama hojjechaa turanidha.
AbbaDiggaa Abbaa Duulaa sirni awwaalcha isaaniis Godina Jimmaa Ganda Tolii Sabbataatti caamsaa 2, bara 2012 raawwatame.
Gadoomaa fi du'a….
Sirni Gadaa sirna keessatti namni Abbaa Gadaa irra jiru yoo du'e yookiis namni Abbaa Gadaatiif kaadhimamee jiru yoo du'e maaltu ta'a jennee Qoarataa sirna Gadaa kan tahan Aab Jaatanii Diidaa gaafanneerra.
Akka isaan jedhanitti keessumaa sirni Gadaa Booranaa namni aangorra jiru yoo du'e yookan rakkoon muudatu namni aangoo Gadaa sanatti cehee bulchu duruma beekamaa waan ta'eef rakkoon bulchiinsarratti dhufu hin jiru jedhu.
"Gadaa Booranaa keessatti warri Gadoomu nama jaha. Akkuma duraa duubaatiin jechuudha.Abbaa Gadaa muummichaa tokkicha saniin alatti namni gulantaa isatti dhihaatu qabu ni jira. Yoo namni suni du'e namuma itti aanee jiru sanati Abbaa Gadaa taha" jedhan.

Ta'iiwwan namni abbaa Gadaatiif kaadhimammee yookan osoo aangoorra jiruu osoo barri aangoo isaallee hin xumuriin abbootiin Gadaa du'an Gadaa Booranaa keessatti mudachaa turuus ni himu.
Gadaa amma aangoorra jiru Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa akka fakkeenyaatti kaasu.
"jalqaba namni Abbaa Gadaatiif Lallabamee ture Guyyoo Jaarso ture. Guyyoon osoo yeroon Gadooma isaa hin qaqqabin waan boqoteef Obboleessa isaa Kuraa Jaarsootu bakka isaa Abbaa Gadaa ta'e " jedhu.
Sirni ittiin nama Gadaaf kaadhimame bakka buusan kunis 'Gadaa dhaaluu fi Gadaa qabachuu jedhamuun beekamu.
Gadaa dhaaluun yoo namni Gadoomaaf kaadhimame suni osoo barri Gadaa hin gahin yookan osoo Gadaa hin qabtin boqote namni haaraa bakka isaa bu'e suni 'Gadaa dhaale' jedhama jedhan.
Yoo akka amma Abbaan Gadaa Jimmaa kana osoo aangoorra jiranii bara Gadaa isaanii osoo hin xumurin boqotan ammo namni bakka isaanii bu'e 'Gadaa qabate' jechaadha.
Caaseffamni Gadaa Booranaa balaa akkanaa dhuftuuf dursee qophii kan qabuu fi rakkoo akkanaa yoo mudate adeemsa salphumatti falli itti kennamu qabaatus iddoowwan Gadaan isaanii nama tokkoon bulutti haala Kanaan raawwachuuf rakkisaa ta'uu eeru.
Hayyuun Gadaa Tuulamaa Laggasaa Naggawoo Gama isaaniin, yoo namni aangoo Abbaa Gadaa irra jiru lubbuun isaa darbe miseensa Gadaa aangorra jiru sana keessaa namni biraa filatamee bakka bu'a jedhan.
" Miseensuma Abbaa Gadaa Sanaa keessaayii kan namni isaan bakka bu'u filatamu. Fakkeenyaaf abbaan Gadaa suni Birmajjii yoo ta'e Gadaan kan Birmajjii waan taateef isaanuma keesaayi Abbaan adaa kan Filatamu. Yaa'ii saglaniin walgahii isaan keessaa muudama" jedhan.
Akka Gadaa Tuulamaatti Namni Abbaa Gadaa ta'ee bulchaa jiru barri bulchiisa isaa waggaa afraffaa irra yeroo gahu akkaataan bulchiinsa isaa ni qoratama.
Sababnisaas Abbaan Gadaa kuni badii uumuu dandaha waan ta'eef yaa'iin bulchiinsa isaa nitoo'ata jedhan.
Namni Abbaa Gadaa ta'ee bakka bu'u kunis bara Abbaan Gadaa waggaa saddeet guutuuf isa hafe qofa bulcha malee gaafa muudamerraa wagga saddeet hin lakkaahatu.
Warri Gadaa Odaa Hullees Abbaa Gadaa Jimmaa AbbaDiggaa Abbaa Duulaa kan tibba kana lubbuun isaani darbe akkaataa sirna Gadaatiin Ardaaleen jilaa saddeettan walitti dhufuun mari'atanii abbaan Gadaa haaraan bakka buusu.















