Sawud Arabiyaa diinagdee sababa Covid-19 miidhame gargaaruuf ‘VAT’ si’a sadiin dabalte

Sawud Arabiyaan diinadgee sababa koronaavaayirasii miidhame akka dandamatu gochuuf kaffaltii gibiraa dabalataa (VAT) harka sadiin dabalaa jirti.

Diinagdee sababa weerara Covid-19 kufe ol kaasuudhaaf kaffaltii jireenyaaf kaffalu hambisuuf akka jirus mootummaan biyyattii beeksiseera.

Biyyattiin hirkatummaa gabaa boba'aarratti qabdu hir’isuudhaaf waggaa lama dura ture kan VAT hojiirra oolchite.

Miidiyaan biyyaalessaa akka jedhetti, Adoolessa 1 irraa kaasee VAT’n %5 irraa %15 ol guddata; akkasumas kaffaltiin jireenyaa Waxabajjii 1 irraa kaasee ni dhaabbata.

“Tarkaanfiwwan kunneen ulfaatoodha ta’us garuu diinagdee yeroo jiddu-galeessaafi dheeraadhaaf tasgabeessuuf gargaaru, akkasumas balaa hin beekamne sababa koronaavaayiras dhufuu danda’u qolachuudhaaf fayyadameeti,” jedhan ministerri faayinaasii Mahaammad al-Jadaan.

Ibsi kunis erga biyyattiin ji’oota sadan bara kanaa keessatti doolara biiliyoona 9 bajatarraa hir’ateen boodadha.

Galiin boba'aa tokko afraffaadhaan, doolara biiliyoona 34 ta’u gad bu’eera. Kunis galii waliigalaa %22’dhaan akka gad bu’u taasiseera.

Haaluma walfakkaatuun, baankii giddu-galeessaa biyyattii jijjiirraan maallaqa biyyoota alaa Bitootessa keessa gad bu’eera.

Kunis waggootan 20 keessa isa saffisaafi eega bara 2011 as isa xiqqaa ta’eera.

Tarkaanfiwwan kunneenis dhiibbaa koronaavaayiras geessissuu danda’u ni xiqqeessaa fi riifoormii diinagdee Mootiin Mahaammad bin Salmaan fidhan ni jajjabeessa jedhamee eeggama.

Biyyattiin bara darbe dhaabbata boba'aa ‘Aramaco’ jedhamuu keessatti hawaasni sheerii akka bitatu taasisuun doolarri biiliyoona 25.6 akka sassaabbaamu taasifteetti.

Gurgurtaan sheeris karoora mootitchaa diinagdee ammayyeessuufi hirkattummaa boba'aa keessaa bahuufidha.