Wuuhaanitti lakkoofsi namoota du’an harka walakkaan dabale

Magaalaan Chaayinaa iddoo weerarrii koronaavaayirasii argametti lakkoofsi namoota du'anii harka walakkaan dabale.
Lakkoofsi namoota du'anii 1290 tti ol dabale.
Qondaaltonni biyyatti lakkoofsa namoota hoospitaalaan alaatti fi manasaaniitti du'anii ragaan funaanametu ittidabalamee jedhani ibsan.
Chaayinaan garuu duraanu weerara vaayirasichaa dhoksuu fi gadi xiqqeessite ibsuudhaan qeeqamti, biyyattiin garuu, kan dhoksitee akka hin jirre waakkatte.
Ragaan irra deebi'ame bahe erga biyyaattin lakkoofsa namoota du'anii hin gabaasne qabdii jedhamee qeeqani irratti dhiyaate booda ture.
Waligalatti Chaayinaatti lakkoofsi namoota du'an 4600 ol guddate-harki caalaan kutaa Hubeeyi kessatti galma'e.
Magaalaan Wuhaan jiraattoota mil 11qabdu ji'ootaaf cuftee turuun dhiyeenya banamte, uggurri tures irraa hir'ifameera.
Ragaan yuunvarsiitiin Hopkiins baase akka mul'isutti, Chaayinaan namoota vaayirasichaan qabaman baay'ee qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 7 qabatte.
Namoota covid -19'n qabaman 84,000 qabaachuun ibsameera.
Weerara dhibicha jalqabaarraa haala biyyatti itti qabdee ilaalchisuun gaaffiin irratti dhiyaata jira.
Magaalaa Chaayinaa Wuhaanitti namni vaayirasii haaraa addunyaa weerare kanaan qabame jiraachuun isaa si'a duraaf Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiti Mudde 31, bara 2019 gabaafame.















