Wuhaan keessatti namoonni attamiin nyaata argatu?

Hojjattoota hospitaalaa nyaata baatanii jiran

Madda suuraa, Meituan

Erga Kooroonaavaayirasiin mudachuun dhagahamee kaasee Wuhaan keessatti jiraattoonni wantoota murteessoo ta'an kan akka nyaataa argachuurratti rakkinaaf saaxilamaa jiru.

Dhorkaa cimaan jiraattoota magaalaa kanaa miliyoona 11 ta'an irra kaa'amees, kaayyoonsaa tamsa'ina dhukkubichaa dhortkuuf ture. Kanaafuu suuqiiwwan xixiqqaa kaasee bakki wanti barbaadamu itti argatan rakkisaa ta'aa jira.

Marsartiin biloog Chaayinaa 'We'bo' jedhamuus komii namoota hirrina nyaataaf saaxilamneera jedhaniin guuteera.

Jiraataan Wuhaan tokkoos kuduuraa bitachuuf baayyee rakkataa jiraachu himuun, gatiin nyaatawwan gara biraa 'xiqqoo dabalu' himeera.

Kan biraa hafee nyaatni mataansaa balaa keessa darbuun kan dhiyeffamu ta'u himu.

"Duraan torbaniitti yeroo baayyeen nyaata ajajadha ture. Garuu amma baayyee xiqqaadha, tarii torbaniitti al afur. Kunis namoota nyaata dhiyeessan waliin wal quunnamtii keenya xiqqeessuuf jechadha,'' jedha barataan Wuhaan tokko.

Amma garuu dhaabbanni Chaayinaa nyaata dhiyeessu tokko rakkina kana salphiisuuf teknolojii tokko hojiirra oolchaa jira.

Biyya Chaayinaatti dhaabbileen nyaata dhiyeessan haallan kan dabalan yoo ta'u isaan keessaayis tokko Meituan' dha. Dhaabbanni kunis maamiltoota milliyoona 440 fi konkolaachiftoota guyyaa kuma 700 ol qaba.

Kanaafu amma walitti dhufeenya isaa kanaafi teknoloojiitti fayyadamuun jiraattoota Wuhaaniifi kanneen bulchiinsa Hubee keessatti argaman tibba rakkinaa kanatti gargaaruuf hojjataa jira.

Dhaabbanni 'Meituan' kuni dhaabbatta intarneetii biyyattii guddicha, Tencent waliin ta'uun appii ittiin nyaanni dhiyaatu uumuun konkolaachiftoonnifi maamiltoonni qaamaan osoo wal hinargiin nyaanni akka dhiyaatuuf taasisaa jira.

Appichis maamiltoonni nyaanni konkolaachiftootaan eessa akka isaaniin ka'amu barbaadan ergaa bakka itti barreessan qaba. Akkasumas yoo barbaachisaa ta'eeti ammoo maamiltoonni konkolaachiftootaaf bilbiluun bakka itti himu danda'u.

Dubartii nyaata kara mana isheetti dhiyeeffameef wayita fudhattu

Madda suuraa, Meituan

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattoonni Wuhaan tokko tokkoos konkolaachiftoota waliin qaamaan wal arguuf yaaddoo humataniiru

Kanaan alattis dhaabbanni 'Meituan' kun guyyaatti nyaata 1,000 fi waan ittiin bilcheeffatan ho'aa hojjattoota fayyaa Wuhaab keessaatiif kan dhiyeessan.

Magaalicha keessatti saanduqni baayyeen hospitaaloota keessatti kan tolfaman yoo ta'u, erga konkolaachiftoonni nyaaticha achi keessa kaa'uun qcufanii booda hojjattoonni hospitaalchaa ammoo dhaqanii koodiidhaan saaquun keessaa fudhatu.

Guyyoota sadan darbaanii qofaattis dhaabbanni kun nyaata gara kuma shanii ta'u bilisaan hojjattoota Wuhaaniif dhiyeesseera.

Konkolaachisaa hospitaala Wuhaan keessaatiif nyaata dhiyeesse tokko

Madda suuraa, Meituan

Ibsa waa'ee suuraa, Meituan saanduqa nyaanni keessa kaa'amu hospitaalota keessatti ijaare

Dhaabbata Facebook, WeWork fi garee baankii dabalatee kubbaaniyoonni hedduun manaa hojjachuuf gaafataa jiru. Tarkaanfiin akkasii kunis appii akka amma nyaata dhiyeessuuf hojiirra oole kanaaf fedhii ol akka kaasuu mala. '

Appii haaraan amma dhaabbanni nyaata dhiyeessu 'Meituan' kuni jalqaba Wuhaan keessatti hjiirra haa oolfamu malee, biyyattii guutuutti babalachuun amma magaalootii 184 keessatti hojiirra oluu eegalee jira. Appichi dhuma torban kanaatti guutuu Chaayinaatti hojiirra akka oolu taasuuf hojjataa jiraachu dhaabbanni kun himeera.

Hojjattoonni hospitaalotaa namoota vaayirasiidhaan faalaman hedduu wallaanaa waan oolaniif isaaniif nyaata bilisaan dhiyeessuun lubbu baraaruudha. Wuhaan keessatti dhukkubsattoota wallaanuuf hospitaalli guyyoota saddeet keessatti ijaaramaa jira.

Kanaafu hojjattoonni hospitaalaa Wuhaan keessaa dhukkubsattoota gargaaruuf sa'aatii dheeraa waan hojjataniifu bahanii nyaata barbaaddachuuf yeroo hinqaban.

Hojjattoota hospitaalaa nyaata dhiyaateef fudataa jiran

Madda suuraa, Meituan

''Haalawwwan amma jiraniin dhaabbileen fayyaafi jiddugalli To'annoofi Ittisa dhukkubaa (CDC) tarii meeshaalee bitachuun ofii isaaniif qopheeffachuun waan isaan barbaachisu nutti fakkaata,'' jedhu dubbi himaan dhaabbata Meituan Witiineey Yaan.

Dhaabbanni guddaan biyyattii kunis hojjattota fayyaa Hubee keessaatiif dhiyeessitii nyaataan deeggarsa taasisuuf baasee paawundii miliyoon 22 ykn Yu'aanii miliyoon baaseera.

Dorgomaa cimaan dhaabbata kanaa Alibaabaa ammoo hospitaaloota Wuhaan keessaatiif meeshaalee wallaansaa bituuf deeggarsa yu'aanii biliyoona lamaa taasiseera.