Koronaavaayiras: Aniifi masiinqoon tiyya hawaasa baraaruuf hubannoo uumaa jirra-Wellisaa Darajjee Shuumii

Wellisaa Darajjee Shuumii torbee torbeedhaan sirba waa'ee koronaavaayirasii tokko tokko baasaa jiru.

Sirboota masiinqoodhaan weellisuun kan beekamu wellisaa Darajjeen,namni hedduun 'Bakka bu'aa Wasanuu Diidoofi Laggasaa Abdii" jedhuuni.

Dhiheenya koronaavaayirasiin biyya gale jechuun dhagahameenis kennaa aaartii qabuun masiinqoosaa fudhatee torbeetti sirba tokko qopheessuun sirboota sadii waa'ee koronaavaayirasiirraatti weelliseera.

"Wasuutoo yaa wasaneetoo (2x) kophaakee yaabbadhu Taaksii

Dhibeen walargaa nudhoowwee yaa wasneetoo

dallaarraan naadarbi Maaksii"

jechuun haala yeroo waliin dhaame.

Sirbi 'Araarakee buusi yaa Rabbi' jedhus balaan kuni uumamni uumaa dagachuudhaan adabbii waaqni namatti fide akka ta'e ergaa jedhu kan qabudha." Araara buusi yaa waaqayyoo gooftaa namaaf jabbii

Aangoo siti harkaa qaba nu wal'aani Rabbi" jechuun masiinqoosaa waliin dubbata.Sirbootni kunneen uummanni keenya hubannoo argatee balaa asdeemaa jiru kanarraa akka of baraaruuf yaadeen hojjedhe jedha.

" Akka uummanni keenya kuni of hin ganne, akka qulqullinasaa eeggatu, akka harka walin fuune, gorsuun akka dhibee kanaaf uummanni hin saaxilamne gochuufin hojjedhe, " jedha.

Hojii hubannoo uumuu kanaafis erga dhibeen kuni biyya seene jechuu dhagaherraa hin boqonne jedha Wellisaa Darajjeen.

"Erga dhibeen kuni seenee guyyaa takka hin boqonne barreesatuman ture. Raayyaa Stuudiyoo waliin ta'uudhaan torbee torbeedhaanin sirba tokko tokko hojjechaan jira." Jedha.

Uummataa fi biyya malee hin jiraatan kan jedhu Darajjeen, waaqa kadhachaa ofiifis ofeegannoo gochuun murteessaadha jedha." Barri nidarba.

Hamma barri kuni darbuttimmoo ofeegannoo ciccimaa gochuu qabna. Waan barri baraan deemu jalaa nuhaa baasu jedha Oromoon yoo eebbifatu.

Rabbi nuhaa eegu uummanni Oromoos sirritti ofeegee bara kana jala darbuu qaba" jechuun dhaama.

'Anaafi Masiinqoo…'"Aniifi masiinqoon obboleewwani yoon jedhe sirritti na ibsa jedheetan yaada.

Yoon ani kolfes, nafaana kolfiti.yoon sirbes anuma faana sirbiti. Ergaan ani uummataaf dabarsus anuma faana jetti Masiinqoon tiyya" jedha.Yeroo itti aanuttimmoo anii fi masiinqoon walitti haasa'aatii ergaa uummataaf dabarsuuf hojjechaan jiras jedha Wellisaa Darajjeen.

Aniifi masiinqoon walumaan mari'anneeti uummata keenya hubannoo cimsaa deemnas jedha.

Masiinqoon meeshaa sirbaa aadaa osoo meeshaaleen muuziqaa ammayyaallee hin dhufin Oromoon ittiin sirbaa ture waan ta'eef uummanni keessumaa kan baadiyyaa jiraatu sirboota masiinqoo hedduu akka dhaggeefatus hima.

"masiinqoon tiyya waan uummanni itti jiru ilaalltee sirba fakkeesineeti kan ergaa uummatatti erginu. Aartiin malaan ergaa guddaa uummataa dabarsa. Sirboota tibbana hojjedhe kanas anii fii masiinqoon ofumaa walitti haasa'aa uummataaf ergaa dabarsine," jedha.

Dhibeen kuni hanga darbutti namuu karaa isaaf danda'ameen uummata hubannoo hin qabne hubachiisuun dirqama lammummaa isaa bahu akka qabus dhaama.

" Namni ofeegu dhibee kana duwwa miti waan baayyee jalaa baha. Dhibee kanas waltaanee jala nidarbina hammasitti ofeegannoo haa cimsinun" jedha.