Koronaavaayiras: Paastarri Covid19 haalaan hafarfame jedhe vaayirasichaan qabamee du’e

Paastar Landon Spradlin wangeela lallabuuf gara feestivaala Mardi Gras jedhamu wayita deemu waahee koroonaavaayiras tasumaa hin yaaddofne ture. Ji’a tokkoon booda garuu lubbuun dabarte.

"Kolfuu jaalata ture. Gitaara taphachuus ni jaalata ture. Wayita taphachuun isarra hin turettiyyuu gitaara ni taphata,’’ jetti Jesse Spradlin waa’ee abbaashee oggaa dubbattu.

"Addunyaarraa nama akkaan dansaa ture.’’

Gaaf tokko ogguu waan kun dabruu, haati warraafi ijoolleen shaman Paastar Laandon, sirna yaadannoo qopheessuuf ni abdatu.

Ammaaf garuu awwaalchasaarratti nama muraasa qofatu argame.

Maaltu tahe?

Ji’aan dura nama ganna 66 kan ture, Paastar Spradlin, haadha warraasaa waliin tahuun, feestivaala Mardi Gras jedhamuuf, kutaa biyyaa itti jiraatan Varjiiniyaarraa ka’uun Luuziyaanaa imalan.

Festivaala kana akka carraa guddaatti fudhatan. Muuziqaa fayaydamuun lubbuu namoota kumaatamatti lakka’amu fayyisuuf karoorfatan.

Ijoolleen dubraa isaanii lamas kutaa biyyaa Teeksaas irraa garas imalan.

"Karoorrisaa manneen dhugaatiifi kilaboota irra deemuun gosa muuziqaa biluuz taphachuun, waa’ee jaalala Yesuus itti himuu ture,’’ jetti Jeesiin.

Maardii Giraas irratti, baandiin muuziqaa maatii kun addabaabaayii haalaan namoonni itti baayyatan gubbaatti taphachaa turan – balaa isaanitti dhufuuf jiru garuu hin agarre.

"Wayitan amma duuba deebi’ee ilaaluu, waa’ee vaayirasichaa yaaddofnee yeroo tokkollee hin haasofne turre,’’ jetti intallisaanii biroo Naa’omii.

Namoota feestivaalicha irratti hirmaatan kumaatamaan lakka’aman keessaa Paastar Spradlin dhukkubsachuun wayita qorannoon taasifamuuf Covid-19 irraa bilisa ta’ee argame.

Otuma dhukkubsatee jiruu waa’ee vaayirasichi haalaan hafarfamaa jiraachuu miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreesse.

Bitootessa 13 irratti Paastarichi Facebook gubbaa duuti koronaavaayirasiifi ‘swine flu’ walfakkaata jechuun odeeffannoo dogoggora tahe maxxanse.

Kana malees Obaamaafi Tiraamp dhaabbilee miidiyaan walqixa hin ilaalaman. Pireezidant Tiraamp siyaasaan miidhuuf tahe jedhanii miidiyaalee irratti ka’an jechuunis barreesse.

Ilmi Paastar Spradlin biraa, Laandon Yisaaq waan jedhu "Waantin ifa gochuu barbaadu tokko – abbaan koo vaayirasichi sobadha hin jenne. Jiraachuu amaneera."

"Sababa waan sana maaxanseef, miidiyaan sodaa garmalee nama keessatti uumaa waan turaniifi,’’ jedheera.

Walakkeessa ji’a Bitootessaa keessa fayyaan paastarichaa hammaachaa dhufe.

Haadha warraa waliin tahuunis gara biyyasaanii deebi’uu murteessan.

"Kufuusaatiin daqiiqaa shan dura haasofnee turre,’’ jedha Yisaaq.

"Hargansuunsaa baayyee miidhamaa akka ture arge. Gara manaa galuu qabda jedheen. Garuu hin dandeenye’’.

Achis Paastar Spradlin gara hospitaalaatti geeffame – qorannoonis koroonaavaayiras akka qabu mirkanaa’e.

Erga guyyaa saddeetiif kutaa gargaarsa addaa (ICU) keessatti turee booda, lubbuun dabarte.

"Abbaan keenya akka utubaa gargaarsa keenyaa ture. Amma utubaan sun jalaa cabee kufuun, baaxiin manaa nurratti waan jige nutti fakkaachaa jira,’’ jedha ilmisaa Yisaaq.

Guyyootaaf ijoolleen shanan paastarichaa haadhasaanii waliin karaa balbala daawwitii keessaan waldubbisu turan.

Awwaalchi paastarichaas haati warraasaa guyyaa addatti ofbaasuushee erga xumurtee guyyaa tokkoon booda raawwate.