Koronaavaayiras: Jarman nama lama caalaa wal bira taa'uu dhorkite

Biyya Jarman tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha namoota lamaan ol walgahii kamuu taasisuun hin da'amu jechuun dhorkite.

Dureen biyyattii Chaansilar Angeelaa Merkeel ergaa dabarsiteen, "tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabuuf amalli keenya hunda caalaa murteessaadha," jette.

Biyyattii manneen miidhaginaafi suqiiwwan baayyee murteessoo hin taane baayyee dursitee cufuu eegalte turte.

Nama lamaa ol walitti qabamuu kan jedhu dhorkaan cimaan erga darbee yeroo muraasaan booda waajirri masaraa biyyattii Angeelaa Merkeel ofillee adda of baatee akka jirtu beeksiseera.

Jimaata darbe hakiimiin Angeelaa Merkeeliif qorannoo fayyaa taasise koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'eera.

Dubbi himaan akka beeksisanitti Dureen Jarman umuriin ishee ganna 65 ta'e kun guyyoota itti aanan keessa qorannoon walitti fufinsaan taasifamaafii mana teessee hojii ishee hojjetti.

Awurooppaa keessatti biyyi dinagdeedhaan cimtuu taate Jarman keessatti hanga ammaatti namoonni 18,610 ta'an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u, 55 du'aniiru.

Maatii waliin mana tokko keessa jiraatan ykn hojiin kan walitti fidu yoo ta'een ala nama sadii ykn isaa ol ta'anii walitti qabamuun dhorkameera.

Nama qajeelfama kana cabsee argame irratti ammoo poolisiin tarkaanfiifi adabbii barbaachisaa akka fudhatu ajajni darbeera.

Manneen nyaataa banaa akka ta'an ta'ee garuu nyaata fudhatanii deemuu malee achuma mana nyaataa keessatti nyaachuun hin danda'amu.

Qajeelfamni kun Jarman kutaa bulchiinsa mara keessatti kan hojiirra oolfamu yoo ta'u, dhorkaan torban lamaan itti aanan keessa ni tura jedhameera.

"Kaayyoon keenya inni guddaan vaayirasicha ittisuudhaaf yeroo argachuudhaaf," kan jettu Angeelaa Merkeel, "namoonni mana isaaniitiin alatti carraa namoota biraa waliin waltuquu guutummaan guutuutti hambisuun fageenya hawaasummaa barbaachisu eeggachuun meetira tokkoofi walakkaa walirraa fageenya qabaachuu qabus," jechuun yaadachiifte.