Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lakkoofsi namooa Koronaavaayirasiin qabamnii 11 gahuun ibsame
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 11 ira gahu Ministirri Fayyaa Itoophiyaa beeksiise.
Erga Bitooteessa 13, 2020 namni jalqaba vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee booda namoota har'aa qabamuun saanii addaa baafame lama dabalatee walumaa galatti namoonni 11 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'u ibsme.
Namoota amma vaayirasichaa qabamunsaanii mirkanaa'ee lamaan keessa tokko dargaggoo umuriiinsaa waggaa 28 fi lammii Itoophiyaa yoo ta'u, seenaa imala biyyoota COVID-19 keessaatti babal'ate akka Beeligiyeemiif Neezarlaandiitti imaluun Bitootessa 14 gara Itoophiyaa kan imaleedha jedhame.
Isaan booda guyyaa gara Itoophiyaatti dhufee kaasee qofaasaa turuun mallattoonni dhukkubichaa irratti argamuu akkuma eegaleen eeruu kennuu hordoffiin fayyaa taasifamaaf jiraachu ibsame.
Namni lammaffaan ammmo gaheessa lammii Itoophiyaa umuriin waggaa 34 yoo ta'u, Dubaayi irraa Bitooteessa 19'tti gara Itoophiyaa kan dhufe ta'unsaa barameera.
Namni kun ammoo battaluma Buufata Xiyyaara Boolee qaqabeen sakkatti'insa ho'a qaamaa taasifameefiin mallattoo dhukkubichaa waan agarsiiseef adda baafamee tursiifamuun qorannoo gaggeefameen koronaan qabamuun isaa mirkanaa'u ibsame.
Namoonni kana dura vaayirasichaan qabamunsaanii adda baafamee 9 keessaa maanguddoon waggaa 85 tokko malee hundinu haala fayyaa gaarii irratti kan argaman ta'u Ministirichi ibsa baaseen himeera.
Hanga ammaattis saamuda 392 irratti qorannoon COVID-19 gaggeefamu isaa Minitiichi ibsa harra baaseen beeksiiseera.
Harraa kaasee imaltoonni gara Itoophiyaa galan hunduu bakka qofaatti guyyoota 14'f keessa tursifamaniitti dirqamaan akka geefaman kaleessa biyyattiin labsite jirti.
Namoonni mallattoon dhukkuba kanaa irratti mul'ate kamiiyyuu karaa bilbila 8335 ykn 952 bilbiluun beeksiisuunni danda'ma.
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'