Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Namtichi koronaavaayirasiin shakkamee, ambulaansiirraa utaalee baqate bilisa ta'e
Itoophiyaatti dargaggeessi Sa'udii Arabiyaarraa deebi'e sodaa koronaavaayirasiif erga adda bafamee ture booda miliqee, Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti irra deebiin qabame vaayirasicharraa bilisa ta'e.
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa akka jedhetti namichi kun Dilbata qabamee adda baafamee qorannoon kan taasifameef yoo ta'u vaayirasicharraa bilisa ta'uun isaa Wiixata mirkanaa'ee jira.
Dargaggeessi kun dhalataa Aanaa Lagaamboo yoo ta'u ji'a tokkoon dura karaa seeraan alaatiin gara Sa'udii Arabiyaa akka deeme ture Itti-gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Geetinnat Ababaaw BBC'tti himanii turan.
Akka Obbo Geetinnat jedhanitti dargaggeessi kun Sa'udii ji'a tokko erga turee booda, gara Itoophiyaatti xiyyaaraan deebifameera.
Wayita buufata xiyyaaraa Boolee gahutti wayita sakkatta'amu ho'ina qaamaa fi mallattoolee koronaavaayiras kan tahan kanneen biroo agarsiise.
Kanaanis anga'oonni kophaatti adda baasanii, qorannoo dabalataaf gara dhaabbata fayyaatti ambulaansiin geessaa turan.
Dargaggeessi kunis wayita ambulaansiin geessaa turanitti keessaa miliqee baqate.
Eenyu eenyuun walqunnamee?
Dargaggeessi kun erga ambulaansicha keessaa miliqee booda obboleettiisaa magaalaa Finfinnee jirtu bira bule.
"Erga achii ka'ee booda awutoobisii yaabbachuun dhufaa ture. Nutis kaleessa (Sambata) galgalaa eegallee konkolaataa eeguun sakkatta'aa turre," jedhan Obbo Geetinnat.
Garuu yeroof achi buutee dargaggeessa kanaa arguu hin dandeenye jedhu.
Dargaggeessi maqaansaa hin dhawamne kun, erga Finfinnee ka'ee booda magaalaa Kombolchaatti bu'ee konkolaataa biraan gara Dasseetti qajeele.
Erga magaalaa Dasee bulee booda, gara magaalaa Gugguuftuu jedhamtutti yaabbate. Achirraayis Lagaamboo gale.
''Kanas kan gochaa ture akka hin qabamneef jecha,'' jedhaniiru Obbo Geetinnat.
Dhumarrattis obboleessi akka adda isa baasu gochuun awutoobisii uummataa keessaa sakatta'anii argachuusanii dubbatan.
Gorsa of-eeggannoo barbaachisu hunda hordofuun konkolaataa keessaa erga buusnee booda, gara Federaalaatti ergineerra,'' jedhan itti-gaafatamaan kun.
- Biyyoonni Awurooppaa koronaavaayiras ittisuuf dhorkaawwan jajjaboo kaa'aa jiru
- Bu'aan qorannoo Pireezidant Tiraamp ifa godhame
- Namni jalqabaa Koronaavaayirasii qabame Itoophiyaa keessatti argame
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
Yoom Sa'udiirraa deebi'e?
Obbo Geetinnnat namni kun Sa'udiirraa yoom akka deebi'e odeeffannoo akka hin qabne himuun, mootummaa federaala irraa Sambata itti bilbilamuu dubbatu.
Haata'u malee, namni kun karaa seeraan alaa ji'a tokko dura gara Sa'udii deemuun yeroo deebi'u garuu xiyyaaraan akka dhufe obboleessa isaarraa dhaga'eera jedhan.
Yeroo nama kana argan rakkoo akka hin qabne kan himan itti-gaafatamaan waajjira fayyaa kun, hatattamaan ambulaansiin gara federaalatti deebisuu himan.
Abbaan manaa obboleettii nama kanaa Finfinneetii isa waliin dhufe garuu waan ta'e hin beeku kan jedhan Obbo Getinnat, poolisiin federaalaafi raayyaan ittisaa dhimmanii duraanuu hordofaafi barbaadaa turuu ibsu.
Namni kun Finfinneerraa gara naannoo Amaaraatti yeroo imaletti magaalawwan akka Kombolchaa, Daseefi Gugguuftuutti bubbu'aa akka dhufe himuun namoota inni qunname qulqulleeffachuuf yaalanis rakkisaa ture.
Konkolaataa ummataa Dasee irraa ka'ee gara Saayintitti imalaa ture inni keessa ture keessa namootni turan 60'ni adda baafamani turan.