Obboleewwan lameen sababa waraanaatiin gargara bahanii turan waggoota 47 booda wal argan

Madda suuraa, CCF
Obboleewwan lammii Kaamboodiyaa ganna 98 fi 101 ta'an kunneen waggoota 47 booda wal argan. Isaan garuu Buun Seen bulchiinsa Khmer Rouge bara 1970'oota keessatti ajjeefamteetti jedhanii yaadu turan.
Buun Seen ganna 98 yoo taatuu obboleessashee ganna 101 ta'e waliinis wal arguushee dhaabbanni miti-mootummaa gabaaseera.
Obboleewwan lameen kunneen yeroo dhumaatiif bara 1973 yeroo bulchiinsi koministii 'Pool Poot' jedhamu Kaamboodiyaa bulchuu jalqabe ture kan wal argan.
Bulchiinsa Khmer Rouge jalatti namoonni miiliyoona lama ta'an du'aniiru jedhamee amanama. Yeroo sanitti maatiin hedduu gargar bahee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, CCF
Buun Seen bulchiinsa Pool Poot kan bara 1979 aangoorraa kaafame jalatti abbaa warraashee dhabdeetti. Boodarra garuu magaalaa guddittii Phnom Penh keessatti naannoo kosii itti gatamu jiraataa ture.
Yeroo dheeraadhaaf jireenyishee kosii keessa, meeshaalee gurguraman barbaadaa fi ijoollee ganda keessa jiran kunuunsaa jiraataa turte.
Isheenis yeroo baay'ee ganda itti dhalatte daawwachuuf abdii qabdi turte.
Ta'us garuu sababoonni akka umuriishee, deemsa dadhabuu fa'a imalasheef rakkisaa turani.
Khmer Rouge eenyu ture?
- Bulchiinsa Khmer Rouge bara 1975- 1979 lubbuu namoota miiliyoona lamaa galaafateera jedhama
- Bulchiinsi Pool Poot'n durfamu namoota miiliyoonaan laaka'aman baadiyyaa keessatti hojii qonnaarratti akka boboa'aniif dirqisiisaa ture
- Qondaaltonni Khmer Rouge sadi qofatu hidhame
Dhaabbanni miti-mootummaa eega bara 2004 as Buun Seeniif gargaarsa taasisaa ture.
Yeroo san ture obboleewwan ishee lubbuun akka jiran kan beekame.

Madda suuraa, Satoshi Takahashi/Getty Images
Buun Seen turtii waggoota 47 booda obboleettiishee hangafaa kan taatee Buun Che'aa fi obboleessashee quxisuu waliin torbee darbe wal arganiiru.
"Ganda kiyya waggoota heddu dura kan gad dhiise achi boodas garas deemee hin beeku. Obboleettii fi obboleessi kiyya du'aniiru jedhee yaada tura," jette Seen.
"Obboleettii hangafaa kiyya waliin wal arguun anaaf waan guddaadha. Yeroo obboleessi kiyya harka kiyya tuqu nan boo'ee."

Madda suuraa, CCF

Madda suuraa, CCF
Buun Che'aa kan abbaan warraashee Khmer Rouge'dhaan ajjeefamee fi ijoollee 12 kan qabdu obboleettiin quxisuushee ajjeefamteetti jettee yaaddi ture.
"Fiiroottan keenya 13 nu jala ajjeefamaniiru waan ta'eef isheenis isaan keessa jirti jennaa yaanna ture. Waggoota dheeraa ta'eera," jette.
Obboleewwan lameen kunneen ammatti waliin jiru. Torbee kana magalaa guddittii keessatti waliin bashananaa turan.
"Waa'eeshee dubbanneera," jette Che'aan. "Ta'us garuu deebinee ishee argina jennee yaannee hin beeknu."















