Haariifi Megan: Abbaa warraafi haati warraa maatii warra mootii gahee hojiisaanii dhiisan

Madda suuraa, Getty Images
Meganiifi Haariin maatiin warra mootii olaanaa ta'anii ittifufuu dhiisuun maatii warra mootii 'ni miidha' jedhamaa jira.
Abbaan warraafi haati warraan kun murtoo kanarra qaqqabuun dura maatii warra mootii olaanoo wajjiin hin mariyanne.
Dhimma kanaan walqabatee masaraan Baakingihaam 'waanti walxaxee' akka jiru ibse.
Dhimma maatii warraa mootii kan gabaasu Joonii Diyaamend egereen isaanii akkam ta'uuf akka jirurratti mariin eegalameera garuu reefu jalqabamu hime.
Haariifi Megaan murtoo keessoo maatii warraa mootii waliin mariyachuu murtoo kanarra qaqqabusaanii Roobii ibsaniiru.
Miseensummaa maatii warraa mootii olaanoo keessaa kan bahuu barbaadaniif galii maallaqaa argatanii ofdanda'uu akka barbaadan ibsan.
Dirqama mootiittiin nutti kennitu itti fufinsaan ammas taanaan ni raawwannaa jedhan. Yeroo qabnus addaan qooddachuuf karoorfanneerra jedhu.
Abbaan warraafi haati warraan isaa dhaabbata gargaarsaa kan isaanii eegaluuf qophii gochaa turan.
Dhaabni gargaarsaa isaan hundeessuu barbaadan kunis dubartoota gahoomsurratti kan hojjatu yoo ta'u, tumsa biyya keessatti kennuu caalaa biyyoota Afrikaafi Ameerikaa wajjiin walitti dhufeenya uumuun hojjata.
Maaliif Ameerikaa dabalate gaaffii jedhuufis, Meegan haadha ishii Ameerikaa bulchiinsa Kaaliforniyaa keessa jiraattu wajjiin hariiroo cimsachuuf barbaadameeti yaadni jedhus jira.
Haa ta'u malee barruun The Sun gara Kaanaadaatti imaluu akka fedhan odeeffannoo barreessee keessatti kan ibsu.
Abbaan warraafi haati warraan yeroo boqonnaasaanii daa'imasaani ji'a 8 wajjin Kanaadaatti yeroo boqonnaasaanii dabarsan.
Haariin nama ganna 35 ti, haatii warraan isaa Meegan immoo umriin ishii nama ganna 38 yoo taatu, akkuma UK tti deebi'aniin komishinii olaanaa Kanaadaa magaalaa Landan jiru dhaqanii simannaa amanuuf nu rakkise nuuf taasiftanii jedhanii galateeffatan.
Taatoo filmii kan turte Megan waggoota torbaaf Torontoo jiraattetti wayita sana Ameerikaatti jaalatamummaa guddaas horatte.
Akkamitti galii maallaqaan of danda'u?
Akkuma hojii maatii warraa mootii keessaa bahu ibsaniin fandii maallaqa 'Sovereign Grant' fudhataa turan fudhachuu ni dhaabu.
Bara 2018-19 tti fandii maallaqaa maatii mootiittiif 'Sovereign Grant' jedhamee ramadamu Yuuroo miliyoona 82.
Bara 2019 tti maallaqa ramadamu keessaa harka shan qofatu biiroo isaaniif kafffalamuu barame.
Seerri haaraan bahe miseensonni maatii warra mootii kun galii maallaqaa dabalataa akka hin qabaannee dangeessa, yeroo hojiisaanii guutuu akka hojjataniiis kan dirqiisiisudha.
Abbaan warraafi haatii warraa kunneen namoota bebbeekamoo sadarkaa idila addunyaattii eegumsi taasifamuufi poolisota hidhataniin eegaman keessaatti ramadamu.
Dhimma isaaniin walqabate Pirofesarri seenaa maatii warra mootii beektu Keetii Wiliyaam akka jedhanitti, Haariifi Meegaan fulduratti jireenya tasgabbii qabu gaggeeffachuun isaan rakkisuu mala jette.
Midiyaaleen erga isaan kana murteeffatanii gaafachuuf barbaadu jetti.
Lamaan isaanii namoota bebbeekamoo addunyaatii kan jettu Keetiin, Haarii abbaan isaa mootiidha, obbeleessi isaa quxisuun mootii ta'a jetti.
Meeganiis taanaan hojii ishee duraaniiitiin baayyee beekamtuu ta'uushi kaafte.
Meganii fi Haariin Kanaadaa yeroo murtaa'eef turraan dhaaba gargaaarsaa maatii warra mooti sirnaan hoogganuu itti fufuun akka isaan rakkisu himte.
Akkasumallee eegumsi akka isaan barbaachisus kaafte.
Dhimma maatii warra mootiirratti barreessuun beekamtu Peenii Juuniyer gochiisaanii seenaa haadha Heerii( Diyaanaa) irra deebiin na yaadachise jette.
Otoo murtee aja'iibaan nama jechisisuu kanarra hin qaqqabiin maatii warra mootii kaan wajjin mariyachuutu irra turee jette.
Diyaanaan abbaa warraashii Chaarlisirraa bara adda baate sanaatu lammeeffame, Isheenis otoo hin mariyatiin dhaaba gargaarsaa 50 hoogganuu dhiifte jette.
Marii malee murtoo kanarra gahun isaaanii waan aja'ibaati jetteetti.
Dubbi himaan rippaabilikii Giraam Ismiz, dhimmi abbaa warraaf haadha warraa hojiisaanii dhiisan kanaa 'egeree maatii warra mootii' irratti gaaffii kaase.














