Tafiidaa Raqiib: Hiree daa'ima dhibamtee kan murteessu maatii moo doktoraa?

Tafida Raqeeb

Madda suuraa, Family Handout

UK keessatti maatiin daa'ima ganna 5 Tafiidaa Raqiib, hospitaala daa'ima isaanii biyya alaa geessanii akka hin yaalchifanne isaan dhorkee mana murtiitti himatan.

Ofii daa'ima dhibamte ilaalchisee murtee dhumaa kennuu kan danda'u hospitaala moo maatiidha?

Maaltu ta'e?

Tafiidaa Raqiib wal'aansi sammuu baqaqsanii yaaluu Guraandhala darbe taasifameefi hospitaala keessatti meeshaalee lubbuu tursiisaniin deeggaramtee jiraachaa jirti.

Haati ishee Sheliinaa Beegam fi abbaan ishee Mohaammad Raqiib intala isaanii yaala dabalataaf gara Italii geessuu barbaadanii hospitaalli isaan dhorke.

Hospitaalli 'Royal London Hospital' jedhamu mucattiin keessatti yaalamaa turte, "yaala dabalataa argattus fayyaa ishee fooyya'uu hin danda'u" jechuun dhorke.

Hospitaalli murtee maatii dhorkuu danda'aa?

Ingilaand keessatti dhimma daa'ima ofiirratti murteessuu kan danda'u maatii akka ta'e seeraan tumameera.

Haa ta'u malee qaamni mootummaa tokko murteen maatii daa'ima sana kan hin fayyadne ykn kan miidhu yoo ta'e mana murtii akka falmatan jedha.

Abbaa murtiitu murtee dhumaa murteessa.

Armaan duras wanni akkasii mudatee manni murtee gaaf kaan maatii deeggaree gaaf kaan ammoo hospitaala deeggaree murteessee beeka.

Murteen kun daa'ima sanaaf maaltu gaarii ta'a kan jedhu qofa ilaalcha keessa galchuun murtaa'a.

Maatiin daa'immanii yeroo adda addaa seerri kun akka haqamu duula taasisaa turani.

Manni murtii UK Fulbaana 09 dhimma daa'ima Tafiidaa Raqiib ilaalee murtee kennuf beellama qabateera.