Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbootiin Gadaa rakkoon nageenyaa Oromiyaa akka furamu Pirezidantii naannichaa xalayaan gaafatan
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa akka furamuuf koreen gaafatu Pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa xalayaan gaafate.
Xalayaa galchanif deebii akka eegaa jiran kan ibsan Abbaa Gadaan Tuulaamaa Goobanaa Hoolaa koreen Teknikaa Abbootii Gadaa bara darbe hojjetaa ture 'loogummaa' qaba jechuun qeeqaniiru.
Dabalataanis, adeemsa haaraa hordofuun mootummaafi hidhattoota gidduu araarri akka bu'u akka hojjetan BBC'tti himaniiru.
Koreen kuni Gaaddisa Gadaa Oromoo jalatti kan hundaa'e yoo ta'u koree fala barbaadduu nageenya Oromoofi Oromiyaa jedhamuun mogga'e.
Koree kana kan gaggeessan barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo fi Abbaa Gadaa Tuulamaa Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa qabiyyee xalayaa fuula lamaafi walakkaa irra jiru ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti xalayaa kana keessatti qabxiiwwan ijoo jaha kan dhahaman yoo ta'u inni ijoon rakkoon nageenyaa uumaman akkaataa furamuu danda'an irratti kan xiyyeeffatanidha.
''Ajjeechaa fi buqqaatii Oromoo irratti raawwatu akkasumas barattoota yunivarsiitii keessaa ari'amaniifi yunivarsiiti keessa dararamaa jiranif [falli] maal akka ta'u kan jedhu Pirezidantii MNO dhimma kana maaliif calliftanii ilaaltanii jennee biiroo pirezidantiif kenninee [xalayaa] jirra,'' jedhan.
''Abbaan Gadaa yoo sabni isaa dhumaa jiru dararamaa jiru sabaafi sablammiilleen haa ta'u dhaabbatee hin ilaalu,'' jechuun kaka'umsa akkamin akka kana eegalan ibsaniiru.
Koree kana keessa Abbootii Gadaa Maccaa, hayyoota, jaarsolii biyyaa, abbootii amantii akkasumas qeerroo nama murtaa'es akka of keessaa qabu ibsameera.
Qabiyyeen ijoo xalayaa kanaa rakkoon akka furamu kan gaafatu ta'us milkaa'ina hojii koreen kuni dalaguuf jedhuufi deeggarsa mootummaa irraa gaafates irratti ibsameera.
Abbootiin Gadaa yaada kana kan mootummaaf dhiheessan mootummaan rakkoo gama Lixaafi Kibba Oromiyaa jiru karaa nagaa furuuf yaada qabu erga ibsee booda jedhu Hogganaan Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa.
Wanti haaraa maali?
Bara darbe yoona kana Koreen Teknikaa Abbootii Gadaa, Haadha Siiqqee, hayyuulee, paartileefi mootummaa irraa babbahaan waraana hidhatee bosonatti hafe deebisuuf dalagaa turaniiru.
Akkaatuma kanaan, waraanni 800 ol ummatatti akka deebi'u taasifamus adeemsichi hanqina qaba jechuun adeemsa araaraan akka hin gammadne ibsan ammallee bosonatti hafaniiru.
Koreen kuni ''araara dura dhimma nageenyaa dursuu nurra jiraata. Nageenyi mirkanaa'udhaaf immoo qaamolee hundaaf ifa taane waamicha nageenyaa gochuu nurra jiraata,'' jechuu isaa ibsu Obbo Getaachoon
Kanaafis, ummatatti gadi bu'ani ummata akka mariisisaniifi ummanni nageenya naannoo isaa akka eeggatu akka gaafatan ibsan. Kunis kan ta'e, 'dursa dararaa ummata keessa jiru dhaabuuf' akka ta'e himan.
''Mootummaan ejjennoo isaa ibseera. Qaamni riphee loluus yaada kana karaa nagaatin hiikuudhaaf qophaa'aadha jedhee ejjennoo isaa erga ibsee booda gara jaarsummaatti kan deemamu,'' jedhan Obbo Getaachoon.
''Mootummaafis waamicha nageenyaa ni dhiheessina. Qaamolee riphee lolaatiifis waamicha ni dhiheessina. Araara dura waamicha nageenyaa fudhachuu qabna kan jedhu kaasan,'' jechuun yaada Abbootii Gadaa ibsu.
Adeemsa hordofuu hedan kan gaafanne Abbaa Gadaa Goobanaanis ''jaarsummaan ganaadha'' jechuun ibsaniiru.
Xalayaa Pirezidantii Oromiyaaf galchaniif deebii akkuma argataniin waraana bosonatti hafe dubbisuuf fedhii akka qaban himaniiru.
''Maal barbaadaniiti, maal mufataniiti kan caakkaa keessa dararamaa jirani kan jedhu .. . yoo dandeenye biyya keessatti yoo dadhabne biyyoota ollaatitti [dubbisuuf[ yaalii godhuf itti deemaa jirra.''
Isa booda waan waliigalteetti fiduu danda'au akka dalagamudha Abbaa Gadaa Goobanaan kan ibsan.
Dhimma Abbootiin Gadaa itti jiran irratti yaada isaanii kan gaafanne hoggantoota olaanoo waraana bosonatti hafe gargaaraa jiran keessaa tokko kan ta'an Obbo Dhugaasaa Bakakkoo namoonni waliigalteen akka taasifamu filaman namoota gara tokkotti hin caalsifne ta'u akka qaban dhaamaniiru.
''WBO bakka bu'aa isaa dhiheeffata, warri mootummaa bakka bu'aa isaanii dhiheeffatu giddugalummaadhaan immoo kan hin baabsine akka qaama sadaffaatti gidduu taa'ee araara deemudha kan WBO'n barbaadu,'' jedhaniiru.
Qeeqa koree durii irratti dhihaate
Bara darbe koreen walitti qabaa Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sambatoon yeroo sosso'aa ture Abbaa Gadaa Goobanaan Abbaa Gadaa Tuulamaa turan.
Yeroosu dhimmichi ana ilaallata ture kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan adeemsi yeroosii hanqina qaba jechuun komatu.
''Kallattiin isaan itti deemani kallattii garee tokko bittinneessudha,'' jechuun himatu. ''Waraana irraa hiikan sanillee badheerratti gaggatanii biraa deemani. Akka akkas hin taane wanta hedduu hubannee jirra.''
''Durumaa ka'umsi isaanii sirrii miti,'' jechuun loogummaa qaba jechuun himatu.
Tarii, Abbaa Gadaa duraanii Tuulamaa waliin waldhabdee waan qabanif qeeqi isaanii kanarraa madduu isaa kan gaafanne Abbaa Gadaa Goobanaan kanaan wal hin qabatu jechuun mormu.
Koree Teknikaa bara darbe sosso'aa ture waan irra gaheefi gabaasa xumuraa ummataaf akka ifa godhu himus kuni osoo hin ta'in hafeera.
''Yoo milkoofne milkoofne. Milkaa'uu baannuus nuyi akka koree sanii callifnee gallee mana hin teenyu. Ummata Oromoof ibsina sababii isaa,'' jechuun Abbaan Gadaa Goobanaa himaniiru.