Koroonaavaayiras: Chaayinaan sababa koroonaavaayirasiin aanga'oota hedduu hojiirraa kaaste

Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin du'anii 1,000 caaleera, kanaan walqabatee bulchiinsa Hubei iddoo jalqaba koroonaavaayirasiin keessatti argametti qondaaltonni mootummaa fi miseensonni paartii hojiirraa ari'aman.

Mootummaan biyyattii wayita tarkaanfii kana fudhatu akka sababaatti kan eere aanga'oonni kunneen tatamsa'ina vaayirasichaa qolachuu hin dandeenye kan jedhuudha.

Barreessaan komishinii fayyaa bulchiinsa Hubei akkasumas dura taa'aan komishinichaa kanneen hojiirraa gaggeeffaman keessaati.

Jarreen kunneen qondaaltota olaanoo mootummaa hanga yoonaa adabbiin isaan mudate keessaa warra jalqabaati.

Daarektarri Itti Aanaan Fannoo Diimaa damee Hubei deggersa koroonaavaayirasiif ramadame seeraan hojiirra oolchuu waan dhabeef hojiirraa kaafameera.

Kaleessa qofa namoonni 103 ta'an Hubei keessatti koroonaavaayirasiidhaan du'aniiru. Walumaa galatti Chaayinaa keessatti namoonni 1,016 vaayirasichaan du'aniiru.

Garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii harka 20n hir'ateera, kanaan dura 3,062 kan ture yeroo ammaa 2,478'tti bu'eera.

Komishiniin Fayyaa Bulchiinsa Hubei kaleessa guyyaatti namoonni 2,097 vaayirasichaan akka qabaman mirkaneesse, dheengadda garuu namoota 2,618 ta'antu qabamuunsaanii himame.

Lakkoofsi namoota qabamanii hir'atus kanneen qabamanii hospitaala jiran du'aa waan jiraniif mootummaan biyyattii aanga'oota dhimma kana keessa jiran hojiirra kaasuun tarkaanfii fudhachuu eegale.

Akka barmaata mootummaa Chaayinaa fi paartii koministiitti aanga'aan yookiin miseensi tokko aangoorraa kaafame jechuun hojiirraa hari'ama jechuu miti.

Namoonni amma tarkaanfiin irratti fudhatame sadarkaan hooggansaa fi sadarkaan hojii isaanii gadi haa bu'uyyuu malee guutummaatti hojiirraa hin gaggeeffamne.

Biyyi koroonaavaayirasiin yeroo jalqabaaf Mudde darbe keessatti argame Chaayinaan vaayirasicha hatattamaan to'achuu dhabuusheetiin ni komatamti.

Doktarri koroonaavaayirasii irratti dursee akeekkachiisa kenne kan boodarra du'ee argame aanga'oota Chaayinaarratti komii guddaa kaasiseera.

Aanga'oonni mootummaa wayita doktarri Chaayinaa kun koroonaavaayirasii ilaalchisuun dursee akeekkachiisa kennu yaadasaa tuffatanii bira darban.

Chaayinaa keessatti hanga ammaatti namoonni 42,200 caalan koroonaavaayirasiidhaan qabamuun mirkanaa'eera.

Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piingi Wiixata kaleessaa(10,02,20) magaalaa Beejiingitti argamuun hojii tajaajila wal'aansa fayyaa namoota vaayirasichan qabamaniif godhamaa jiru daawwataniiru.

Vaayirasicha to'achuuf tarkaanfiin cimaan fudhatamuu akka qabu kan eeran pirezidaantichi, ''garuu weerara dhibee kanaa akka irra aannu shakkii hin qabu'' jechuun dubbatan.