Peelee: Taphatan kubbaa miilaa beekamaa Biraaziil sababa dhukkubbiisaatiif mana bahuu 'qaanfate'

Peele

Madda suuraa, AFP

Taphataan kubbaa miilaa duraanii lammii Biraaziil Peeleen dhukkubsatee sababa gargaarsa namaa malee deemuu hin dandeenyeef manaa bahuu hin barbaadu jedhe ilmi isaa.

Taphataan waancaa addunyaa al-sadi mo'ateefi taphataa cimaa kubbaa miilaa yeroo kamuu jedhame Peeleen, bara darbe dhukkubbii ujummoo qaama fincaanii isaarra gaheen gara hospitaalaa geeffamee ture.

Peeleen ammatti ganna 79 yoo ta'u luqqeettuusaarratti dhukkubbiin waan isa mudatee fi gargaarsa namaa yookiin meeshaa deemsaatiin socho'a.

"Baay'ee qaana'a, gargaarsa namaa hin fedhu," jedhe ilmisaa Edinihoon.

Peelee jireenya kubbaa miilaasaa keessatti taphoota 1,363 keessatti goolii 1,281 goolii baay'ee galchuun riikordii qaba.

Jireenya kubbaa miilaasaa waggoota 21 keessatti garee biyyaalessaa Biraaziilif taphoota 91 taphachuun goolii 77 galcheera.

Haalli fayyaasaa yeroo dhihoo asitti yaachisaa ta'eera. Bara 2015 keessatti eega ji'oota jaha keessatti al-lama hospitaala galeen booda yaala baqaqsanii wal'anamuu taasiseera.

"Yaadimee inni mootiidha, namoota biratti jaalatamummaa guddaa qaba ture, har'arratti garuu haalan deemuu hin danda'u," jechuun haala fayyaa abbaasaa dubbata Edinihoon.

"Ni qaana'a, gara alaa bahuu hin barbaadu, namattis mul'achuu hin barbaadu yookiin immoo sababoota akka manaa bahu isa taasisan hin gochuurraa of qusata.

"Haala gaariirra hin jiru. Luqqeettuusaa jijjiirameera akkasumas gorsa gahaa hin arganne. Kanaafuu sochii isaarratti rakkinni uumameera waan ta'eef cinqama keessa jira."

Ji'iin Ebla dhufuu kun injifannoo Peelen Meeksikoo injifachuun waancaa addunyaa mo'ateef waggaa 50'ffaadha. Namoonni heddus taphataa cimaa kubbaa miilaa yeroo kamuuti jedhanii amanu.