Gareen kubbaa miilaa Masrii taphataa ganna 75 mallatteessise

Madda suuraa, Egyptian Football Association
Waldaan Kubbaa Miilaa Masrii (EFA) taphataa kubbaa miilaa piroofeshinaalaa umuriin dheeraa addunyaa kanaati jedhe galmeessuusaa beeksise.
Kilabni diviziyoona yookaan sadarkaa sadaffaa taphatu, nama umuriin isaa ganna 75 - maqaan isaa Eez Eldiin Baahider jedhamu kilaba Oktoober 6 bara dabre keessaa mallatteessiseera.
Waliigalteen Baahider kilabicha waliin mallatteesse maal akka tahe hanga ammaa hin baramne.
Namni kun seenaa tapha kubbaa miilaa Masrii keessatti kilaba kam waliin akka taphachaa ture, wanti beekamu hin jiru.
Waldaan Kubbaa Miilaa Masrii (EFA) fi Baahidar, Dhaabbata rekordii addunyaa galmeessu - Guinnes Book of World Records gara biyyattiitti affeeraniiru.

Madda suuraa, Egyptian Football Association
Kunis akka taphataan kun taphataa piroofeshinaalaa umurii dheeraa jedhamuun akka galmaa'u waan barbaadaniif.
Masiriin kubbaa miilaatiin biyyoota Afrikaa keessatti maqaa gaarii qaban keessatti argamti.
Taphattoota ciccimoo kan akka taphataa Liiverpuul sarara fuulduraa Mohaammad Saalhaafi kanneen biroolleebiyya baasuu dandeessedha.
















